Senetii fi manni maree bakka bu’oota uummataa baatilee itti aanan 12f bajta oolu, gargaarsa Yukireen Raashaatti duuluuf gargaarsa itti fufiinsa qabu, to’annaa immigireeshinii kan daangaa Yunaayitid Isteetisii fi Meeksikoo akkasumas sagantaalee deggersa hiyyeeyyii Ameerikaa ilaalchisee walii galtee irra hin ga’in wean jiraniif jecha hojiin waajjiraalee mootummaa dilbata itti aanuu qabee cufamuun kan hin oolle fakkaata.
Kan dimokraatotaan dhuunfatame senetiin, hanga walakkeessa baatii Sadaasaatti mootummaan guutummaan banaa akka ta’u gochuuf karoora bajataa ka torban torbaa irratti hojjetaa kan jiru yoo ta’u, kunis seera tumtoonni sadarkaa baasii guutummaa waggaa bara 2024tti jiru akka qopheessaniif yeroo kennaaf.
Haa ta’u malee af yaa’iin mana maree bakka bu’ota uummataa Kevin Makaartii, sagalee Ripaablikaanonota mana maree keessaa hanga tokko waan argataniif karoora Senetiin qopheesse mana mareef akka hin dhiyaanne fudhatama dhabsiisan.
Bakka isaa manni maree sun manni maree bakka bu’ootaa kamisa kaleessaa galgala ejensiiwwan mootummaa afuriif herega baasiiwaggaa irratti fooyyefamni akka jiraatu sagalee kennee jira. Herregi baasii kunis senetii keessatti raggaasiamuuf carraa inni qabu xiqqoo dha. Haala kamiifu, Sambata halkan walakkaa irratti hojiin mootummaa akkaan barbaachisaa hin ta’in akka hin cufamne oolchuu irraa hin ittisu. Ejensiiwwan mootummaa Kamisa kaleessaa qabee hojjettoota isaanii hojiin mootummaa cufamuu akka malu itti himaa jiran.
Forum