Xurree ittiin seenan

Breaking News

IZEEMAAN Hidhamuun Hoogganaa Isaa Hojii Paartichaa Waliin Akka Hidhata Hin Qabne Ibse  


Paartiin Mormituu kan ta’e Ezeemaan ibsa har’a baaseen, dura ta’aa paartichaa kan ta’an Dr. Caannee Kabbadaa hidhamuun, gahee isaan dhaabicha keessatti qaban waliin kan wal hin qabanne ta'uu beeksisee jira.

Ibsii kun akka jedhutti, dura taa’aan paartichaa labsii yeroo hatattamaa bulchiinsa naannoo Amaaraa fi magaalaa Finfinnee keessatti baatii Hagayya darbe irraa eegalee hojiirra oolaa jiruun wal qabatee to’annoo jala ooluu isaa ragaaleen akka argate ibseera.

Itti gaafatamaan kutaa dhimma seeraa paartichaa obbo Siyyuum Mangeshaa har’a RSAf akka himanitti, Dr Caanneen garee seeraan alaa hidhate gurmeessuun shakkamu.

Warraabbiin sagalee kan Dr. Caanneen miseensota garee hidhate waliin dubbachuu agarsiisa jedhame, torban darbe toora interneetii irratti gadhiifameera. RSA dhugummaa waraabbii sagalee sana dhugaa ta’u mirkaneessuu hin dandeenye. Waa'ee waraabbii sagalee kanaa osoo hin kaasne, Obbo Siyyuum akka jedhanitti, Izeemaan siyaasa paartii sabummaa fi fincila hidhannoo hin deeggaru, jedhan.

Oduu biraatiin, Maatiin namoota labsii yeroo muddamaan hidhamanii kanneen 50 ol ta’an mooraa waraanaa Awaash Arbaa keessatti bakka tursiisaa yeroo keessa jiranii RSAf akka himanitti, nageenya firoota isaanii hidhamanii akka isaan yaaddessu himaniiru.

Abukaatoon hidhamtootaa SolomoOn Gazahaany RSA'tti akka himanitti, maamiltoota isaa waliin akka wal hin qunnamne dhorkamee jira, jechuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG