Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraatti Daandiin Cufaa Ta’uun Dhiheessii Qorichaarratti Dhiibbaa Uume  Jedhame 


FAAYILII - Magaala Laallibalaa, Naannoo AMaaraa
FAAYILII - Magaala Laallibalaa, Naannoo AMaaraa

Naannoo Amhaaraatti sababoota waliti bu’insa humnoota Faannoo fi mootummaa gidduutti uumamee jiruun daandiin gidduu galeessa biyyaarraa gara Baahidar geessu cufaa ta’uu isaarraan kan ka’e hanqinni qorichoota yaalaa jiraachuu abbootiin qabeenyaa fi ogeessonni Faarmaasii sagaleen Ameerikaa dubbise himaniiru.Hanqinni qorichaa mudatee jiru kun keessumaa kanneen dhibee Sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qaban irratti hammaataa ta’uus himu ogeessoonni kunneen.

Tajaajila dhiyyeessii qorichaa Itiyoophiyaatti damee Bahidaarii fi kilaastara Kaaba lixatti qindeessaa ta’uu isaanii kan nuuf ibsan Obbo Amsaaluu Caannee rakkoon nageenyaa jiraachuu isaatiin qorichhoonni tokko tokko dhabamuun dhugaadha jedhanii amma garuu dhaabbanni isaanii qorichoonni xiyaaraan akka galan waan taasiseef kuufamni ga’aan jiraachuu sagalee Ameerikaatti himaniiru.Biiroo Fayyaa naannoo Amharaa irraa Odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne.

Haala rakkoo nageenyaa naannoo Amhaaraa keessatti uumamee jiru ilaalchisuun Biiroon Komuunikeeshiinii Naannichaa ibsa har’a barreeffamaan baaseen rakkoo naannicha keessatti uumamee jiru karaa qaroomina qabuun furuun akka barbaachisu waamicha dhiyyeesseera. Garaagarummaa yaadaa Afaan qawweetiin hiikuuf humnoonni yaalaa jiran gara marii nagaatti dhufuun furmaata waaraaf hojjetamuu qabas jechuun Uummataaf waamicha dhiyyeesseera. Bakkoota baay’eetti nageenya uumamee jiru babal’isuun sochiin nageenya fi misooma Uummataa bakka duraatti akka deebi’uufis biirichi ibsa isaa keessatti eereera, jedha gabaasaan Asteer Misgaanaaw Baahirdaar irraa ergite.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG