Magaalaa Hawaassaa bulchiinsa mootummaa naannoo Sidaamaatti guyyaa kaleessaarraa kaasee dargaggoonni ammaaf lakoofsi isaanii hin beekamiin hedduun hidhamuu maatiin Sagalee Ameerikaatti himaniiru. Maatiin kunneen poolisiin naannichaa sarbama mirgoota fi kanneen raawwachuu isaaf komatu.
Paartiin mormituu Federaalistii Sidaamaas hidhaa seeraan alaa kana keessaa mootummaatu harka qaba kunis mirga yaada ofii bilisaan ibsaachuu dhiibuu fi nama daandiirra deemaa jiru akka tasaa dhaabanii shororkeessuufaatu raawwatamaa jira jedheera.Itti gaafatamaan Paartichaa fi Yuunivarsiitii hawaasaatti barsiisaa kan ta’an Tasammaa Eeliyaas sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti miseensonni isaanii Sadii hidhamuu fi kunis mootummaan naannicha keessatti hanni, seer maleessummaa fi rakkoon bulchiinsa gaarii akka jalaa hin hin saaxilamneef gochaa ta’amaa jirudhas jedhan.
Itti aanaan dubbii himaa naannoo Sidaamaa Iyaasuu Daawwit Sagalee Ameerikaatti akka himanitti namoonni to’annaa jala oolfaman kanneen jeequmsa kaasuuf socho’aa turanidha jedhan jedha gabaasni Yoonaattan Zabdiyoos Hawaasaarraa erge.
Forum