Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Jihaadaa Naannoo Daangaa Maalii Loltoota Nijeer 29 Ajjeese  


Humnoonni Jihaadistii naannoo daangaa Maaalii irratti loltoota Nijeer 29 ajjeesuu isaanii gareen Juuntaa Niijeer kan aangoo fonqolcha mootummaan qabateeru beeksiie.

Ministirri humna Waraanaa Niijeer Letenaala Jeneeraal Saliifuu Moodii Wiixata kaleessaa ibsa kennaniin gareen leellistoota Jihaadistii kunneen halleellaa akkasii kan fudhatan yeroo lammaffaaf ta’uu ibsanii meeshaalee dhohinsootaa ofiin hojjetan fayyadamuun haleellaa kana raawwatus jedhaniiru. Amma naannoo daangaa Maalii irrattis gareen tarkanfii fudhatu babba’ee qulqulleessaa jiras jedhan Moodiin.

Erga gareen Juuntaa Niijeer fonqolcha mootummaan aangoo qabatee kaasee sodaan nageenyaa fi haleellaan humnoota leellistoo jihaadistiin humnoota waraanaa Niijeer irratti fudhamu dhibbeentaa 40 dabaleera jedha ragaan dhaabbata Piroojektii bakkoota waldhabdee fi ragaa taateewwaanii . Kana ji’a hagayyaa fi isa duraa waliin yommuu madaalamu naannoo Tilaabeerii keessatti gareen warra Jihaadistii kun yoo xiqqaate namoota nagaa 40 ajjeessaniirus jedhameera.

Halleellaa Amma gareen kun raawwateen humnoota waraanaa keenyaa ciccimoo dhabuu dandeenyeerra jedhaniiru Ministirri humna waraanaa Niijeer.

Mootummaan garee juntaa Niijeer kunis namoota du’aniif gadda guyyoota sadiif turus labseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG