Xurree ittiin seenan

Breaking News

Saayintistoonni Fiiziksii Sadii Badhaasa Noobeelii Bara 2023 Badhaafaman


Badhaasni Noobeelii waggaa kanaa, Onkoloolessa 3, 2023.
Badhaasni Noobeelii waggaa kanaa, Onkoloolessa 3, 2023.

Badhaasni Noobeelii kan waggaa waggaan gaggeefamu Kibxata har’aas itti fufee Mgaalaa guddoo Iswwiidin Istookolmi keessatti Saayintistitoota Fiiziksii sochii fi amala eleektiroonootaarratti qorannoo taasisaniif badhaasa noobeelii kenneera.

Piyeeri Agoostiin Yuunivarsiitii Ohaayoo kan biyya Yuunaayitid Isteetsitti argamurraa , Fireenk Kiruuz Maaksi Pilaank Inistitiyuutii Opptiksi Kuwaantaam irraa , Yuuniivarsiitii Muuniik kan biyya Jarmanitti argamurraa Ludwig Maaksimiilaan ,Annee La Huyiiliyeer Yuunivarsiitii Luund kan Iswiidiiitti argamurraa warra badhaasa noobeelii kana fudhatanidha.

Akka Akkaadaamiin Saayinsii Rooyaal Iswiidiish Ifoomseetti qorannoon isaan taasisan kun dhala namaa addunyaa Eleektiroonota atoomotaa fi molaakiyuulota keessa jiran qorachuuf meeshaalee haaraa kenneera.

BadhaasaNoobeelii inni bara kanaa wiixata kalleessaa kan jalqabe yommuu ta’u Kataalinee Karikoo lammii Hangaarii fi Diriiwu Wiismaan Yuunaayitid Isteetsirraa waliin ta’uun qorannoo taasisaniin talaallii Koovid Isa MRNA uumuu isaaniitiin badhaasa Noobeelii fudhataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG