Xurree ittiin seenan

Breaking News

Imaltoonni Naannoo Amaaraa Irraa Dhufan Finfinnee Seenuu Dhorkamne Jechuun Himatan 


Imaltoonni naannoo Amaaraa irraa gara Finfinneetti imalan, ennaa magaalaa Shanoo ga’an gara Finfinnee akka hin seenne ugguramne jedhan.

Imaltoonni kun Sagalee Ameerikaaf akka himanitti humnootiin naga eegumsa Oromiyaatu nu uggure jechuun komatan. Imaltoonni hangi tokko magaalaa Shanoo keessatti doorsisamaaf dararamaa turan jedhan.

Hoogganaan waajjira geejjiba naannoo Amaaraa Zewuduu Maalledee akka jedhanitti mootummaan naannoo Oromiyaa ennaa angawoota naannoo lamaanii gidduutti bilbilaan dubbatanitti himannaa dhiyaate haalaniiru.

Ayyaanni Irreechaa Sambata dhuftu Finfinnee keessatti kabajamuuf jiru dura, naga eegumsi cimuu isaa dubbatan jedhan obbo Zewuduun.

Hoogganaan bulchiinsa godina Kaaba Shawaa kan naannoo Amaaraa Siyyuum Tafarraa akka jedhanitti, poolisiin Federaalaa ti malee haala akkasii poolisiin Oromiyaa hojii seera eegsisuuf itti hin gaafatamu jedhan. Itti aanaan itti gaafatamaan waajjira nagaa fi nageenya Oromiyaa koloneel Abbebee Geresuu Sagalee Ameerikaaf akka himanitti imaltoota naannoo Amaaraa irraa gara Finfinneetti imalan irra uggurri kaa’ame tokko iyyuu hin jiru jedhan. Keellaalee sakatta’aa irratti qofaa, sababaa hookkarri finxyii jiraachuu waan maluuf jecha nageenyi cimee jira jedhan jechuu dhaan Mesfin Araagee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG