“Haqni ce’umsaa gahee dhaabbilee mirga namaa addunyaa bakka bu’uu hin danda’u”, jechuu dhaan bulchiinsi yeroo kan naannoo Tigraay beeksisee jira. Bulchiinsichi, aangoo murtii, walabummaa fi loogii irraa walaba ta’uu sirna haqaa ce’umsaa Itiyoophiyaa gaaffii keessa galche. Sirna haqaa ce’umsaa Itiyoophiyaan gara fuulduraatti hojiirra oolchuuf yaalaa jirtu ilaalchisee bulchiinsi kun yaaddoo guddaa qaba jechuu dhaan dubbi himaan bulchiinsa Yeroo kan naannoo Tigraay Amaanu’el Assaffaa dubbataniiru.
Akka obbo Amaanu’el jedhanitti dhaabbileen Itoophiyaa sirna haqaa ce’umsaa qopheessanii fi hojiirra oolchuuf walabaa fi akkasumas kan loogii irraa walaba ta’an miti.
Sirni haqaa ce’umsaa dhiittaa mirga namoomaa kan akka warra Eertiraan raawwataman ilaaluuf aangoo akka hin qabnes akeekaniiru. Dhaabbata waldaalee lammummaa Ityoophiyaa kan ta’e kan Abukaatooolee Mirga Namoomaaf daayreektarri olaanaan Ammahaa Mekonin Wixata darbe kaleessaa VOAtti akka himanitti, sirni haqaa Itiyoophiyaa dhimmoota yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwataman ilaaluuf haala kamiinuu hin danda’u jedhan jechuu dhaan Gebremichael G/Medin gabaaseera.
Forum