Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishinni Hayyootaa Tokkummaa Mootummootaa Dhimma Mirrga Namoomaa Itiyoophiyaa Qoratu Yeroon Hojii Hsaa Hin Haaromsamin Hafe  


Horii taankii waraanaa barbadaahe bira darbaa jiru, Humaraa, Bitootessa 3, 2021.
Horii taankii waraanaa barbadaahe bira darbaa jiru, Humaraa, Bitootessa 3, 2021.

Kan qorattoonni gochi hammeenyaa Itiyoophiyaa keessatti raawwatamaa jira jedhan akka qulqulleeffatuuf hundaa’e komiishinni hayyoota tokkummaa , erga marsatiitiin gamtichaa roobii kaleessaa jechuun Onkoloolessa 4 akka haaromsamuuf yaadni akka hin dhiyaanne agarsiise booda cufamuun isa mudatee jira.

Gamtaan Awrooppaa bara 2021 keessa sababaa waraanaatiin boodatti hafuu isaa kan Kibxata darbe jechuun Onkoloolessa 3 ibse gargaarsi doolaara miliyoona $680 waadaa seenuu dhaan hariiroon gareelee lamaanii qalbii dhaan bakkatti akka deebi’uuf hojjetaa jiraachuu beeksise.

Gamtaa Awrooppaatti komiishinerri michummaa sadarkaa addunyaa Juuutaa Uripilaa’inen Rooyitersiif akka himanitti, waadaan seename Itiyoophiyaan itti gaafatamummaan jiraachuu ishee mirkaneeffachuu ishee haal duree godhatee ti.

Kan baatii Sadaasa darbe xumuramee fi walitti bu’iinsa waggoota lamaaf humnoota mootummaa fi hidhattoota naannoo Tigraay gidduutti geggeessameen namoonni kumaan laka’aman du’aniiru. Qaamotiin lamaan ajjeechaa jamaa, humnaan gudeeddii, namoota walitti qabanii hidhuu dhaan walii walii isaanii yakkaa kan turan yoo ta’u, garuu dararaa tooftaan raawwatame kanaaf gareen lamaan itti gaafatama hin fudhanne.

Gaaffii gamtaa Awrooppaan bara 2021 gumii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa akka jedhetti, yakki waraanaa fi yakki farra namoomaa amma illee Itiyoophiyaa keessatti raawwatamaa jira. Yakki bal’aan raawwatamaa jira isa jedhu ilaalchisee qorannaa geggeessamu sana Itiyoophiyaan cimsitee balaaleffachuu dhaan hojiin sun akka adda citu gaafatteetti. Bakka isaa imaammata haqaa kan biyyoolessaa ofii isaa akka filmaataatti kan beeksiste yoo ta’u, komiishinni tokkummaa mootummootaa garuu adeemsa akkaan hanqina qabu ittiin jedhee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG