Barreessaan lammiin Noorweey Joon Foosee badhaasa noobeelii kan hog-barruu badhaafame. Akaadaamiin Sweidinii diraamaa fi hojiiwwan Feeseen uume kan waan hin dubbanne ittiin jedheef sagalee kennuu isaa beeksisee jira.
“Hojiin isaa guddaan afaan Noorweey Ninoorskn kan barreeffameef fi gosoota adda addaa kan hammate tapha, asoosama, walaloo, barreeffamoota, kitaabota daa’immanii fi hiikkaa baay’ee of keessaa qaba, jedha akkaadaamichi.
Beeksisni Noobeelii kun Wixata darbe kan eegale yoo ta’u badhaasni Qoricha lammii Haangaarii Kaataline Kariiko fi lammiin Ameerikaa Drew Weissman qorannoo waloo talaallii COVID mRNA saffisaan akka hojjetamuuf sababa ta’eef kennamee ture.
Akkaadaamichi Kibxata darbe badhaasa Noobeelii Fiiziksii Piyeer Agostini, Ferens Kiraaausz fi Anne Luu’iliyeer tattaaffii dhuunfaa isaanii kan adeemsa saffisaa elektiroononni keessa socho’an safaruuf itti fayyadamuu danda’an uumuuf sababa ta’eef jecha badhaaseera
Kibxata darbe Moungi Bawendi, Louis Brus fi Alexei Ekimov hojii damee naannoo teeknooloojii tarkaanfachiisuuf hojjetaniin badhaasa Noobeelii Keemistirii badhaafamaniiru.
Badhaasni Noobeelii Nagaa Jimaata kan ifoomu yoo ta’u, itti aansuunis badhaasni dhumaa saayinsii dinagdee wixata dhufu ni kennama.
Forum