Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogeessonni Seeraa Biiroo Dubartootaa fi Hawaasummaa ka Magaalaa Finfinnee Irratti Himannaa Dhiheessuu Isaanii Beeksisan 


Ogeessonni seeraa dhaabbilee mirga namoomaa fi hawaasa siivikii kan Itiyoophiyaa , bulchiinsa magaala Finfinneetti biiroo dhimma dubartootaa fi dhimmaa hawaasaa irratti himannaa dhiyeesuu isaanii ibsaniiru.

Ogeeyyonni seeraa himannaa kana mana murtii ti, kan dhiheessan biroon dhimma dubartootaa fi dhimmaa hawaasummaa, mirgaa ijoollewwan daandii irra jiraatani kabajuudhaa fi eegumsaa taasisuu dhiisuu isaatiin waan ta’eef akka ta’e ibsameraa.

Daarekteerri dhaabataa ogeessotaa seeraa kan ta’n obbo Ammahaa Mekonen himannaan seeraa kun kan dhihaatee, seeraa , imaammta fi gochaa biroon bulchiinsaa magaala Finfinnee ijooleewwan dandii irraa jiraatan irratti hojii irra oolchaa jiru kan ilaallate akka ta’e Sagalee Amerikaatii himanii jiru.

Oboo Ammahan akka dabalanii jedhanitti, bulchiinsi magaalaa Finfinnee ijooleewwan daandii irraa jiraatan kaasuudhaan wiirtuuwwan adda addaa keessaa qubachiiseef tajaajila barbaachisaa fi gahaa ta’e kennuu hin dandeenyee.

Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa dhiheenyaa kana ibsa baaseen ijooleewwaani fi namoottan man-dhabeeyiin daandii irraa kaasamanii naannoo Galaanitti walti qabamanii jiran keessaa Sadii du’anii, 190 kan ta’an immoo hospitaala seenuu isaanii beeksisee jira.

Komishiini mirga namoomaa Itiyoopiyaati darekteera too’annoo fi qorannoo kan ta’an Selaamaawiti Girmaay, wirtuun namoottan sun keesaa jiran hanqina tajaajilaa barbaachisaa ta’ee waan qabuuf namoottan achitti walti qabaman rakkina fayyaa adda addaatiif saaxilamuu isaanii akka ibsaan Gebremikaa’el Gebremedihiin gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG