Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnestii Internaashinaal Yeroon Koomishinii Ogeessota Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Qoratanii Haaressamuu Dhabuu Ilaalchisee Ibsa Baase 


“Miseensonni manaa maree mirga namoomaa kan mootumoota gamtoomanii , komishiinii waa’ee sarbinsa mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessatti raawatame qoraachaa jiru akka hojii isaa itti fufu waan dhiibbaa hin gooneef mirgii miidhamtootaa akka sarbamu taasifameeraa” jedchuudhaan dhaabbanni mirga namoomaatiif falmu Aminestii Internaasinaal beekisisee jira.

miseensonni dhaabbata mootummoota gamtoomanii jeequmsaa mirgaa namoomaa Itiyopophiyaa keessatti adeemaa jiruu irraa fuulaa isaanii gara galchaniiru kan jedhe Aminetii internashinal komishiiniin dhimmaa mirga namoomaa Itiyoophiya hordofaa jiru, Fulbaana 18 bara 2023 gabaasaa dhiheeseen dhimma mirga namoomaa Itiyoophiyaa Tigraay irraa darbee dhimmaa guutummaa biyyaatti, akkasumas dhimaa gaanfaa Afrikaa ta’aa deemuu isaa akka ibsee beeksiseera.

Miseensonni dhaababata mootumoota gamtoomani, iyyannoo midhamtootaa fi hawaasalee siivikii xiyyeeffannaa dhowwachuudhaan yeroon hojii komishiiniichaa akka itti fufu taasisuu dhiisuun isaa akka sirii hin taanee kan ibsee Aminesitii internashinal, mootummaan Itiyoophiyaa sochii ce’uusa haqaa hojii irraa olchuudhaaf waan gaaha akka hojachaa hin jirre ibseeraa.

Komishiinii sarbiinsa mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessatti raawwatee hordofu akka hundeeffamuu kan taasifame Muddee baraa 2021 gaafii gamtaa Awurooppaa irraa dhihaate irratti hundaa’udhaan akka ta’e kan ibsee Aminetiin gamtaan Afrikaa Waxabajjii 13 bara 2023 kaasee sochii Komishiniichaatif beekumsaa kennuu akka dhaabee beekisisuu isaa ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG