Naannoo Tigiraayitti Qormaanni biyyaaleessaa kan kutaa 12ffaa waggoota Sadiif sababa wal waraansaan addaan citee kan ture Kibxata dhufu akka kennamu Ejeensiin qormaata biyyaalessaa beeksiseera . Dr Isheetuu Kebbedee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti naannoo Tigiraay keessatti barattoonni 9000 ta’an qormaataaf kan dhiyaatan yommuu ta’an, qormaatchis Yuunivarsiitiiwan Afur kan naannicha keessatti argamanitti kennamas jedhan. Barsiisoonni Yuunivarsiitiiwwan biyyattii keessatti argaman Saddeetirraa filatamanis qormata kana qoruuf garasitti imalaniiruu jedha gabaasni Gabire Mikaa’el Gabiremedihiin Finfinneerraa erge.
Naannoo Tigirayitti Qormaatni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Waggoota Sadiif Addaan Cite Kennamuuf Jira
- VOA

Forum