Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isira'eel Haleellaa Haalo-Bahinsaa Hamaas Irratti Geggeessuu Itti Fuftee Jirti 


Aara magaala Gaazaa haleellaa Israa'eel booda, Onkoloolessa 9, 2023.
Aara magaala Gaazaa haleellaa Israa'eel booda, Onkoloolessa 9, 2023.

Israa’el haleellaa hedduu qilleensa irraan geggeessitetti aansee Wixata har’aa samii Gaazaa irraan aarri eennaa ol ka’u mul’atee jira.

Mootummaan Israa’el Dilbata kaleessaa sirnaan Hamaas irratti waraana kan labse yoo ta’u, haleellaa akka tasaa Hamaas Sambata darbe raawwate haaloo ba’uuf waraanni tarkaanfii guddaa akka fudhatu daandii saaqee jira.

Dubbi himaan gameessi waraana Israa’el Riir Adimiiraal Daani’eel Hagaarii tuuta oduuf Wixata har’aa ibsa kennaniin, bakka finxaaleyyiin Hamaas Sambata darbe weeraran naannoo Gaazaa deebi’anii to’ataniiru jedhan.

Dubbi himaan waraana Israa’el Letenaant Koloneel Jooonaattan Korniikas akka jedhanitti haleellaa Hamaas keessatti finxaaleyyii 1,000–tti hedaman kanneen Israa’eliin seenantu keessatti hirmaate. Haleellaan sun illee siiviloota fi loltoota Israa’el 700 yoo galaafatu, kanneen 2,100 ta’an immoo madeessee jira.

Korniikas akka jedhanitti Israa’el humnoota eeggataa 100,000 ta’an lola kana irratti hirmaachisuuf waamtee jirti. Kaayyoon keenya jedhan Korniikas, xumura waraana kanaatti Hamaas dandeettii waraanaa Israa’eliin doorsisu akka inni hin qabaanne gochuu dha. Itti dabaluu dhaanis Hamaas dugdee Gaazee bulchuu akka hin dandeenye mirkaneessuu dha jedhan.

Ministriin ittisaa Yunaayitid Isteetis, Looyid Oostin Dilbata ministrii ittisaa Israa’el Yoo’aav Gaalantiif bilbiluu dhaan deggersa qaban ibsanii jiru. Pentaagon

Peentaagoon Israa’el-n gargaaruuf meeshaalee waraanaa ergaa kan jiru yoo ta’u, doonii xiyyaara waraanaa baatu kan humna galaanaa gara Mediteraaniyaan bahaatti akka socho’u qajeelfama kenneera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG