Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deggertoonni Falasxiin fi Deggertoonni Isiraa'el Yunaayitid Isteetis Keessatti Hiriira Bahan 


Hiriira deggertoonni Falasxiinii fi Deggertoonni Isiraa'el bahan, Yunaaytid Isteets
Hiriira deggertoonni Falasxiinii fi Deggertoonni Isiraa'el bahan, Yunaaytid Isteets

Lammiileen Ameerikaa hidda dhalata Falasxiin fi deeggartoonni Falasxiin dhibbaan lakkaa’aman Dilbata kaleessaa magaalaa guddoo Chikaagoo, Illinois keessatti hiriira ba’uu dhaan mootummaan Yunaayitid michoomuu akka dhaabdu gaafatan.

Hawaasni addunyaa dhimma Faalisxiin irratti hin callisne hiriirtonni kun gaafataniiru. Lammiileen Ameerikaas sagalee isaanii deggersaa dhageessisuu akka qaban ibsaniiru.

Loltoonni Hamaas Sambata darbe magaalota Israa’el keessa seenuun isaanii, erga waggoota 50 dura waraana Yom Kiippur keessatti Masrii fi Siiriyaan haleellaa raawwataniin as, haleellaa lubbuu namaa galaafate yoo ta’u, wal-dhabdee gonkumaa hin dhumne kana keessatti ibidda biraa qabsiisa jedhamee sodaatamaa jira.

Deebii kanaaf, haleellaan qilleensaa Israa’el Gaazaa keessatti kutaalee mana jireenyaa, masjiidaa fi manneen angawoota Hamaas rukutee, daa’imman 20 dabalatee namoonni 400 ol ajjeefamuun, dhaadannoo Muummichi ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuun “haaloo ba’uu cimaa” akka raawwatan dhaadatan ka mirkaneessee dha. Chikaagoo fi naannoon lammiiwwan Ameerikaa hiddi dhalata Faalisxiin guddichi kan keessa jiraatanii dha.

Gama biraan yeroo hiriirtoonni Israa’eliin deggeran hiiira ba’anitti, hiriirtonni kuma ta’an Dilbata kaleessaa Manhattan keessatti walitti qabamanii Falasxiinotaaf deggersa qaban ibsaniiru,. Hiriirtonni Niiw Yoorkitti hiriira nagaa geggeessa, waltajjii Taayims Iskuwaar fi naannoo qoonsilaa Israa’el fi waajjira haadhoo kan Tokkummaa Mootummootaa bakka golli naga eegumsaa hookkara xumura torbanii ka’e ilaalchisee wal ga’ii geggeessuuf wal ga’anitti fuulleetti wal ga’anii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG