Haleellaa gareen Hamaas sambata darbe Israa’el irratti raawwatetti aansuu dhaan biyyoonni naannoo addunyaa deebii kennaa jiran.
Akkuma kanaan Yunaayitid Isteetis shororkeessummaa raawwachuuf sababaan tokko iyyuu hin jiru jettee jirti. Mootummaa fi uummata Israa’el cina ni dhaabbanna jechuu dhaan ministriin dhimma alaa Antonii Biliinken dubbataniiru.
JIlli tokkummaa mootummootaa kan dhimmootii giddu galeessa bahaa Toor Wenislaand akka jedhanitti kun bowwaa balaa qabu waan ta’eef martinuu afaan boollaatii akka duubatti deebi’anan gaafadha jedhan.
Dura taa’aan komiishina gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii gama isaaniin mirga bu’uuraa uummata Faalsxiin, keessumaa walabummaa fi Abbaa biyyummaa isaanii dhorkuun muddama Israa’elii fi Faalisxiin gidduu jiruuf sababaa ijoo dha jedhanii, paartileen lamaan hatattamaan fincila waraanaaf wal barbaaduu dhaabanii haal duree tokko malee mariif akka gad taa’an gaafataniiru.
Ministriin dhimma alaa Masriis daafoon isaa hamaa dha jechuu dhaan siivilota balaa itti dabalaa hamaaf saaxiluu irraa akka of qusatan gaafatanii jiran.
Kan Israa’el waliin michummaa diplomaasummaa tolfachuutti deemaa jirtu Morokoon, yaaddoo cimaa qabaachuu ishee ibsuu dhaan bakka maratti haleellaa siivilota irratti geggeessame balaaleffatteetti.
Barreessaan ministrii haajaa alaa Keeniyaa Koriir Singoo’ee kanneen haleellaa hamaa kana karoorsan, maallaqaan deggeraniif raawwachiisan ni mormina jedhan. Israa’el haaloo ba’uuf mirga qabaattu iyyuu karaa nagaan furmaata karaa nagaatu barbaachisa jedhan.
Prezidaantiin Ugaandaa Yoweerii Museveenii walitti bu’iinsi Israa’elii fi Faalisxiin gidduutti deebisee ka’e nama gaddisiisa jedhan. Biyyoonni lamaan maaliif furmaata biyya isaanii hojii irra hin oolchan jedhanii, keessumaa kan balaaleffatamuu qabu namoota nagaa fi kanneen loltoota hin taane irratti loltootaan irratti fuuleffatamuu isaa ti jedhan.
Forum