Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoota Nageenya Mootummaa fi Hidhattoota Garee Faannoo Gidduutti Walitti Bu’iinsi Uumame Lubbuu Namaa Galaafate Jedhame


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Sadaasa 06, 2020.
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Sadaasa 06, 2020.

Kibxata darbe naannoo Amaaraa Walloo kaabaa aanaa Qobboo keessatti humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti bu’iinsa deebi’ee ka’een namoonni lama ajjeefamuun ibsamee jira.

Jiraattonni naannoo kanneen ijaan argan Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, walitti bu’iinsa sanatti aansee Sambata darbee eegalee manneen daldalaa fi waajjiraaleen mootummaa hanga Wixtata har’aatti cufamanii jiran.

Gama biraan naannoo dhuma sana godinaalee Goojjam dhiyaa fi bahaa keessatti humnoota nageenya mootummaaf hidhattoota faannoo gidduutti itti fufee jiru irraan kan ka’e cufamanii kan turan tajaajilli bilibilaa sambata darbe walakkeessa halkanii qabee banamuu jiraattonni naannoo dubbataniiru.

Tajaajilli bilbibilaa adda citee kan ture torbanneen sadiif ta’uu kan ibsan jiraattonni kun, bajaajjii magaalaa keessaa irraan kan hafe tajaajilli taaksiis ta’e kan jeejjiba kutaa biyyaa hin jalqabamin jira jedhan. Har’a baniinsa bara hojii 3ffaa kan manneen maree lamaanii ja’affaa irratti haasaa kan dhageessisan prezidaant Saahilewerq Zewudee walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessaa kallattiin maqaa dha’uu baatanis, adda adummaa jiru karaa nagaa hiikuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG