Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettoonni Mootummaa Naannoo Kibbaa Duraanii Hojiitti Ramadamuu Dhabne Jechuun Komee Dhiheessan 


FAAYILII - Marfata Summuudaa, Hawaasaa, Sadaasaa 19, 2019
FAAYILII - Marfata Summuudaa, Hawaasaa, Sadaasaa 19, 2019

Mootummaa naannoo Sidaamaa keessaa hojjettoota ramadaman 349 keessaa hojjettoota mootummaa kan naannoo kibbaa duraanii 223 hin simadhu jechuu isaa hojjettoonni kun mormanii jiru. Murtiin sun kan darbe afaan Sidaamaatiin waan ta’eef hin dandeessan nuun jedhan jechuu dhaan ulaagaa ramaddii hojjettootaa keessa haal duree kana dura hin tureen yakki nu irratti raawwateera jechuu dhaan komee isaanii dhiyeessaniiru. Komee dhiyeeffachuuf waajjira bulchaa naannoo kibbaa duraaniitti wal ga’anii jiran.

Akka fedha isaaniitti naannoo Sidaamaatti ramadamanis, heera mootummaa naannoo tuquu dhaan waajjirri qabeenya humna namaaf tajaajila uummataa ka naannichaa murtii inni isaani irratti dabarse kan isaan gaddisiise ta’uu ibsaniiru.

Akka ragaa waajjira qindeessa projektii naannichaatti isa duraani dabalatee naannon Sidaamaa hojjettoota 1327, naannoon kibba dhiya Itiyoophiyaa, 1029, naannoon walakkeessa Itiyoopiyaa 1958, naannoon kibba Itiyoophiyaa immoo hojjettoota 2320 akka simatan murtaa’ee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG