Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Lammiwwan Ishee Gidduutti Tokkummaa Uumuu Hin Dangeenye Jechuun Prezidaantiin Biyyatti Dubbatan 


Pireezidaantii Ityoophiyaa Saahla-Worq Zawdee, Finfinne, Onkoloolessa 4, 2021.
Pireezidaantii Ityoophiyaa Saahla-Worq Zawdee, Finfinne, Onkoloolessa 4, 2021.

Biyyi Afrikaa keessatti baay'ina lakkoobsa ummataan sadarkaa lammaffaa irratti argamtu Itiyoophiyaan, lammiilee ishee tokkoo gochuun ''seenaa biyyoolessaa'' uumuu waan dadhabdeef jecha, kanatuu gara waraanaatti geese jechuudhaan, Pireezidaantiin Ityoophiyaa Saahla-Worq Zawdee Wiixta kaleessaa dubbatanii jiru.

Biyyi namoota miliyoona 100 fi Miliyoona 20 qabduu fi saboota-afaan 80 ol ta’u dubbtan qabdu kun, waggoota dhiyoo asitti waldhabdee yeroo tokko tokko kutaalee bulchiinsaa fi waldhabdee abbummaa naannoo keessatti uumamuun walqabatee, lubbuu namaa galaafatuun rakkachaa ture.

Preezidaant Saahla-Worq baniinsa walgahii paarlaamaa irratti, ''seenaa biyyoolessaa walitti nu fidu uumuuf akkasumas jedhanii Sirna mootummaa hunda keenya biratti fudhatama qabu diriirsuuf hin milkoofne jedhu.

Mootummaan duraanii, kan saba xiqqaa Tigraayiin bulaa ture, bulchiinsa waggaa 27 keessatti, eenyummaa sabaa fi sablammootaa kamiyyuu, yeroo tokko tokko hokkaraan ta’uus irraa ittisaa ture.

Mormii farra mootummaa waggoota hedduu booda, Muudamni mummee Ministira Abiy Ahimad kan bara 2018, ofiin of bulchuu fi himannaa eenyummaa irratti hundaa’eef, haafuura jireenya haaraa fidee.

"Nuti qoqqoodamnee hafnee garaagarummaa keenya keessummeessuu dadhabneerra, kunis waldhabdee fi wal waraansa baasii ykn gatiin gaafatee bakka hin buufamnee uumameera," jedhan preezidaant Saahla-Worq.

Waggoota lamaaf jechuun hanga Sadaasa bara darbeetti, waraanni gara jabinaa, waraana federaalaa kan milishaa naannootiin deeggaramee, fi aangawoota Tigraay gama kaabaa giddutti gaggeeffame.

Dhuma baatii Muddee 2021 fi yeroo lolli kun itti hammaataa tureetti, mootummaan giddugaleessaa "waliigaltee biyyoolessaa fi ijaarsa Mootummaa seera qabeessummaa cimaa qabuuf bu'uura cimaa kaa'uuf" jechs komishinii marii hundeesse.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG