Hidhattoota Israa’eelii fi kan Haamaas giddutti wal waraansa banameen namoota manaa fi qe’e isaanii irraa godaanan gargaaruuf hanqiina maallaqaa kan qabu ta’u jaarmayaan godaantootaa kan addunyaa (IOM) beeksisee jira.
Daayreekteerri jaarmayaa kanaa Emii Poop Kibxata har’a Finfinnee keessatti ibsa Gaazexxesootaaf kennaniin, Israa’eelii fi hidhattoota Haamaas giddutti wal waraansii kana caalaa yoo itti fufee, Gaazaaa keessaa namoonni baayyeen akka godaanan ni eegna jedhan.
Godaantoota kanaaf deebii gargaarsa namoomaa dhiyaatuuf deebii kennuuf garu, dhaabileen gargaarsaa hanqiinni maallaqaa nu mudata jechuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Madhiin Finfinnee irraa gabaasee jira.
Ajajoota Waraanaa Haamaas Lakkobsaan Xiqqoo Ta’antu Waa’ee Haleellaa Israa’eel Irratti Gaggeeffamee Beeka Jedhame
Waa’ee weerara bal’aa Israa’el irratti baname kana kan beekan ajajoota olaanoo Gaazaa keessa jiran muraasa qofa ta’u, Qondaalli olaanaa Hamaas Wiixata kaleessaa kan dubbatan yoo ta’u, garuu “yoo Gaazaan waraanan balleessuuf saaxilamte” michoonni akka Iraanii fi Hizbullaah Libaanos lola irratti hirmaatu jedhan. ”
Miseensa hoggana Hamaas kan biyya alaa keessa jiran Alii Barakaa, dhaabata oduu Ashoosheetid Prees isa Lebaanan jiruuf kan kan ibsan, yeroo Israa’el Gaazaa irratti haleellaa boombii gaggeessaa jirtuu fi lafa Hamaas bulchaa jiru guutuummaatti ugguruuf dhaadatteetti ture.
Haleellaan akka tasaa Sambata darbe raawwatame kun tajaajilli waraanaa fi basaasaa Israa’el kan dandeetti qabu guutummaatti of eeggannoo malee kan ture yoo ta’u, hidhattoonni Hamaas dhibbaan lakkaa’aman dallaa daangaa barbadeessuun qaawwaa argataniin magaalota hedduu keessa seenuun loltootaa fi namoota nagaa dhibbaan lakkaa’aman ajjeesanii, namoota hedduu booji’anii fudhatan.
Barakaan akka jedhanitti haleellaan kun ajajoota olaanoo Hamaas gara walakkaa kudhaniii Gaazaa keessa jiraniin kan karoorfame yoo ta’u, michoonni garee kanatti dhiyoo ta’anillee, yeroo kam akka gaggeeffamuu illee itti hin beeksifamne jechuun dubbatan.
Qondaaltonni nageenyaa Iraan haleellaa kana karoorsuu gargaaran ykn walgahii torban darbe Beerutitti taa’ame irratti hayyama kennaniiru jedhu gabaafame Barakaan haalanii jiru.
Forum