Hojjettoonni mootummaa duraanii komee dhiyeeffatan kun, hojjettoota 2000 keessaa kan itti milkaa’an 120 qofaa ta’uu ibsaniiru.
Baatii lama dura hojjettoonni naannoo Kibbaa duaanii naannolee haaraatti kan ramadamne akka fedhii fi filannoo keenyaatti miti jechuu dhaan Hagayya 9 bara 2015 komee dhiyeessuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’u, koreen komee dhaggeeffates komii isaanii erga qoratee booda toora maqaan hojjettoota kanaa irra jiru maxxansuu dhaan ba’ii isaa ifa taasisee jira.
Hojjettoota kana ramadhuuf kan hundeeffame koree taakinikaaf mootummaa federaalaan kan ramadaman miseensi koree kanaa obbo Felleqee Mekonnin, ramaddiin kun bakka buutonni naannolee maraa filannoo hojjettootaa ilaalchisee akka ragaa isaan dhiyeessanitti jedhan.
Haa ta’u malee toora maqaa guyyaa kaleessaa maxxanfame erga arganii booda komii isaanii kanneen dhiyeessan hojjettoota dhibbaan laka’aman keessaa hangi tokko kanneen komii dhiyeessan keessaa muraasa qofatu deebii argate jedhan.
Qindeessaa hojjettoota komee dhiyeeffatanii ti kan jedhan obbo Solomoon Ba’aa namn jedhaman, ramaddiin sun kan geggeessame haala itti gaafatamn itti hanqateen ta’uu rakkoolee ibsan hedduutu jiru jedhan.
Muuxannoon hojii, haalli gaa’ilaa fi ragaan mana yaalaa hojjettoonni kun fedhaa fi filannoo isaaniin ramadamuu haal duree fi ulaagaa isaan dandeessisu ta’uun ibsamus, amma iyyuu akka ulaagaa jirutti hin ilaalamne jechuu dhaan hojjettoonni kun komii isaanii dhiyeeffataniiru.
Forum