Manni Maree walii galaa kan tokkummaa mootummootaa kaleessa Onkoloolessa 10 gumii mirga namaa keessa kanneen tajaajilan biyyoota haaraa 15 filatee jira.
Sagaleen kenname erga lakaa’amee booda prezidaantiin gumichaa Denis Firaansis, Albaaniyaa, Birazil, Bulgeeriyaa, Burundii, Chaayinaa, Koot diivwaar, Kuubaa, Doninikaan Ripaablik, Ferensaay, Gaanaa, Indooneesiyaa, Jaappaan, Kuweet, Maalaawii fi Nezerlaands filatamuu isaanii beeksisaniiru. Amajjii 1 bara 2024 jalqabanii waggoota sadiif tajaajiluuf Chaayinaa, Kooti Divwaar, Kuubaa, Ferensaayii fi Maalawwiin irra deebi’uun yeroo lammataaf filatamaniiru. Naayijeeriyaa, Peeruu fi Raashaan barcuma argachuu hin dandeenye.
Qaama ijoo dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummotaa kan ta’e manni maree mirga namaa, walabummaa bu’uuraa sadarkaa addunyaatti kabachiisuu fi beeksisuuf itti gaafatamni kennameeraaf. Manni maree kun bara 2006 kan uumame yoo ta’u biyyoota miseensota 47 kan qabuu fi irra hedduun isaanii miseensota gumii walii galaan iccitii dhaan filataman.
Forum