Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Haleellaa Samii Irraan Gaazaa Irratti Raawwattu Itti Fufte


Faayilii- Haleellaa Israa'el Samii Irraan Gaazaa Irratti Raawwatte Onkoloolessa 11, bara 2023
Faayilii- Haleellaa Israa'el Samii Irraan Gaazaa Irratti Raawwatte Onkoloolessa 11, bara 2023

Haleellaa Hamaas Israa’el irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 1200 du’uutti aansee, Israa’el ijaa ba’uuf jecha Roobii har’aa dugdee Gaazaa keessa kan jiru daandii fi gamoowwan haleelaa oolte.

Angawoonni eegumsa fayyaa kan Faalisxiin akka jedhanitti erga sambata darbe Hamaas Israa’el irratti haleellaa raawwatee sa’aatii hanga tokko booda haleellaa Israa’el irratti raawwatteen lakkoobsi namoota du’anii gara 1,055tti siqee kanneen 5000 ol biroon immoo madaa’aniiru.

Israa’el uummata miliyoona 2.3 bishaan, nyaata akkasumas ibsa irraa kutuuf waadaa seenuu isheen haala sivilotaa ilaalchisee gareeleen gargaarsaa yaaddoo qabaachuu isaanii ibsanii jiran.

Abbaan taayitaa humna ibsaa Gaazaa roobii har’aa akka jedhetti madda enerjii tokkicha jiruuf boba’aan dhumataa jira. Gareen doktorota daangaan hin uggurres boba’aa akkasumas dhiyeessiin wal’aansa fayyaa hir’ataa jira jedhe.

Dubbi himaan waraana Israa’el Leetenaa Koloneel Joonaattan Konriikas har’a ergaa gama viidiyoon dabarsaniin haleellaan samii irraan Israa’el raawwatte gamoolee mana jireenyaa kan mancaase ta’uu ibsanii, bakkawwan kun mannii waraanaa ti, sababiin isaas Hamaas ta’e jedhe naannoo gamoolee siivilonni keessa jiraatan waan sosso’uuf jedhan.

Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti erga waraanni sun jalqabee qabee uummati 263,000 ol mana isaanii dugdee Gaazaa jiru dheesanii baqachuu isaanii fi lakkoobsi kun dabalaa akka deemu ibseera.

Korniikas akka jedhanitti humni eeggataan 360, 000 ta’u hanga waraanni kun xumuramutti, Hamaas Israa'el keessaa namoota nagaa doorsisuu ykn ajjeesuu humna isa dandeessisu akka hin qabaanne mirkaneeffachuuf ergama isaa raawwachuuf qophee dha jdhan. Dubbi himaa ka biraan Rir Admiiraal Daani’el Hagaarii tuuta oduuf ibsa kennaniin, loltoonni Israa’el 169 ajjeefamuu fi maatii loltoota 60 Hamaasiin ukkaamsamanii butamanii illee waraanni dubbiseera jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG