Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraansi Israa'eelii fi Hamaas Yeroo Itti Fufee Jiru Kanatti Aangawoonni Yunaayited Isteetis Deggersa Isiraa'eliif Qaban Ibsaa Jiru 


Ministeerrii  Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken fi Muummee Ministeeraa Israa'el Benjaamiin Natiniyaahuu, Tel Aviiv, Onkoloolessa 12, 2023.
Ministeerrii  Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken fi Muummee Ministeeraa Israa'el Benjaamiin Natiniyaahuu, Tel Aviiv, Onkoloolessa 12, 2023.

Walwaraansi Israa’eli fi garee Palastaayin Hamaas gidduutti taasifamaa jiru guyyaa jahafaadhaaf yemmuu itti fufee jiru kanatti, ministeerrii dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken Israa’eliin seenuudhaan muummicha ministeeraa Benjaamiin Natiniyaahuu dabalatee, haanga’ota biyyatti wajjin walarganii jiru. Ministeerri Ittisaa Looyid Ostenis walgahii Neto irratti hirmaachidhaaf Biraaselsin jiru.

Antoonii Biliinken yemmuu Waashingteenii ka’an akka oduu gabaastotatti dubbataniitti Yunaayitid Isteets meeshaalee waraanaa gara Israa’elitti erguu ishee ibsanii , imalli isaani immoo biyyii michuu biyya isaanii lola irratti baname of irraa ittisuudhaaf maal akka ishee barbaachisu achitti argamanii hubachuudhaaf akka ta’e ibsaniiru.

“Ummata Israa’el cina dhaabachaa turre, har’as, boris , yoomi iyyuu ni dhaana” kan jedhan Antooni Biliinken, haleellaa Hamaas Sambataa dheengaddaa raawwateen lammiileen Amerikaa du’an fi warren butamanii fudhataman ammam akka ta’ani fi eessaa akka jiran addaan baasuudhaan siriitti beekuun akka hin danda’amne ibsaniiru.

Kun ittuu kanaan jiru Ministeerri ittisaa mootummaa Yunaayitid Isteets Looyiid Osten walgahii ministirootaa kan biyyoottan miseensa Nato irratti hirmaachuudhaaf biyya Beeljiyeem magaala Biraasels jiru. Walgahin Nato kamisa har’aa waa’ee Yuukreen irratti erga dubbatee booda, wa’ee ergama dhaabatichii Iraaqi fi Kosoovoo keessatti qabuu irratti akka maryate gabaasameera.

Ministeeronni biyyoottan miseensa Nato waa’ee lola walakeessaa bahaatti taasifamaa jiruu ilaachisee, ministeera ittisaa Israa’el Yoo’av Gaalant dhaggeeffatani jiru. Yunaayitid Isteets dhimmoottan adda addaa akkaataa itti qaban irratti waan dandeetti qabduuf Yuukreeni fi Israa’elin gargaaruu akka dandeesu ibsaniiru.

Yunaayitid Isteets deggersaa meeshaa waraanaa haaraa Yuukreenifi taasiftuu doolaara Miiliyoona 200ti tilmaamamu Roobii kaleessaa iffa gochuun ishees gabaasamee jira. Haala dhimma walwaraansa walakeessa bahaa keessaati adeemaa jiruun walqabatee ijjaannoo Itiyoophiyaan qabdu kana gaafataman dubbii himaan minsiteera dhimmaa alaa mootummaa Itiyoophiyaa Ambaasader Meles Alem Itiyoophiyaan ijjaannoo gamtaan Afrikaa jajjabeessu isaa fala mootummaa lammanii akka deggertu ibsanii jiru.

Dura taa’an komishiini gamataa Afrikaa Muusaa Faakii Muhaammat Onkoloolessa 7 bara 2023 dhimma kan irratti ibsa keenaniin mootummaan Israa’eli fi gareewwan Palastaayin lola dhaabanii gara marii yaada fala mootummaa lammanitti akka deebi’an gaafachuun isaanii ni beekama.

Forum

XS
SM
MD
LG