Itiyoophiyaa keessatti Walawaraansa naannoo Tigraayi keessatti taasifamaa turee hordofuudhaan walitii bu’iinsaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Affarii keessatti itti fufeen biyyaatii keessaatii yakkii duguuggaa sanyii fi dhumiinsaa raawachuu akka danda’u hoggantuun dhaabbata mootumoota gamtoomani ibsanii jiru.
Dhaabataa mootumoota gamtoomaanitti itti aantuu bareessaa muumee fi dhimmaa duguuggaa sanyii irratti gorsituu kan ta’an Aliis Waayirimuu Nideertii Mirga namoomaa ilaalchisee Gabaasaaleen Ityoophiyaa keessaa bahaa jiran waan yaadeesaa ta’aniif keessuma, dhimmaa duguuggaa sanyii fi gochaawwan hameenyaa wal fakkaataa ta’an irratti haalii hamaan jiraachuun isaa akka xiyeeffanaa hawaasa adduunyaa hawwatuun barbaada jechuun isaanii gabaasamaara.
Gabaasaa komishiinin adda haalaa sarbiinsa mirga namooaa Ityoophiyaa baase waabefachuudhaan kan ibsan haagatuun dhaabbata mootumoota ganmtoomanii kun godina Waag Himiraa , godinaa walloo kaabaa fi Shawaa kaabaa keessa jiran dabalatee magaalota fi gandoota Kaaba Ityoophiyaa keessa jiran 11 keessatti dubartootaa fi ijoollewwaan durbaa saba Amaaraa fi Ageewu irratti hokkorri saalaa fi dirqiin gudeeddin raawachu isaa akka beekuu danda’an ibsaniiru.
Haleellaan siviilota irratti raawachaa jiruu haleellaa gareewwan walfalaman giduutti taasifamaa jiruun walqixa akka ta’e kan ibsan haangaatuun dhaabbaataa mootumootaa, hokkorri daabbachunii fi eguumsi siviilotaaf taasifamuu qabuu barbaachisaa ta’uu isaa ibsaniiru.
Roobii har’aa Finfinnee keessatti oduu gabaastotaaf ibsa kan kennaa dubbii himaan Ministeera dhimmaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasader Meles Alem dhimma kana irratti deebii kennaniin ibsichii waan itti gaafatamumaa of keessaa hin qabnee fi haala maal na dhibeeti jechuudhaan qeequu isaanii Kenedii Abaatee gabaaseera.
Forum