Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota Gaazaa Keessaa Baqatanii Kuma 300 ol Ta'uu Jaarmayaan Dhimma Baqattootaa Beeksise


Israa'el fi Hamaas edduutti jeequmsi deemu guyyaa jahaffaa yeroo qabatee jiru kanatti palasinoota nannoo haleellan jiru keessaa yeroo dheeffan, magaala Gaazaa, Onkoloolessa 12, 2023.
Israa'el fi Hamaas edduutti jeequmsi deemu guyyaa jahaffaa yeroo qabatee jiru kanatti palasinoota nannoo haleellan jiru keessaa yeroo dheeffan, magaala Gaazaa, Onkoloolessa 12, 2023.

Mootummaan Israa’el haleellaa magaala Gaazaa irratti raawwatu yemuu itti fufee jiru kanatti, namoottan kuma 300 fi kuma 38 ol ta’an jireenyaa isaanii dhiisanii akka baqatan dhaabbanni mootummoota gamtoomani beeksisee jira.

Magaalaa jiraattonni miiliyoonii 2.3 ta’an keessa jiraatan gaazaa keessatti haleellaa raawwatamaa jiruun kan ka’ee , namoottan buqa’an Roobii kaleessaa kuma 75iin waan dabaleef yeroo amma lakkofsii buqqaatotaa kuma 300 fi kuma 38 fi 934 akka gahee dhaabbata mootumoota gamtoomanitti jaarmiyaan qindeessa gargaarsaa namoomaa/ OCHAn beeksisee jira.

Karaa biraatin, lola sambata dheengadaa ganama jalqabamee kana, lammiileen biyyoottan adda addaa du’uun isaanii fi bakka buuteen isaanii dhabamuun isaa ibsamaa jira.

Akkuma kanaan lammileen Yunaayitid isteets 22 du’anii namoonni lakkoofsii isaanii hin beekamnee butamanii kan fudhataman yoo ta’u, lammilee biyya Taayilaand 21 du’anii 14 immoo butamanii fudhatamaniiru.

Faraansaa lammiileen ishee 11 kan jalaa dua’n yoo ta’u, Neepaal 10 , Arjentiinaan 7 Raashaan fi Yunaayitid Kiingdaom 4 Kaanaadaan, Chaayinaan fi Yuukreen 3 akkasumaas biyyootan biroo 18 lammiiwaan isaanii akka jalaa du’anif butamanii fudhataman gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG