Lola naannoo Tigraayitti taasifamaa turee keessatti lammileen naanichaa du’an torban kana keessaa akka yaadataman bulchiinsii naanichaa beeksisee jira.
Walwaraansa waggoottan lamma fi Tigraay keessatti taasfamaa turee walgaltee Piritooriyaati taasifameen tasgabaa’ee keessatti lammileen naanoo Tigraay lubuu isaanii dhaban naanichaa keessatti guyyoottan Sadiif akka yaadatamanidha bulchiinsii naanichaa kan ibse.
Lammileen naanichaa walwaraansicha keessatti lubbuun isaanii darbeefi torban kana maatiwwan isaanii gadda taa’a jiran caalaan isaanii dargagootaa akka ta’an beekameera.
Dhimmaa kana irratti yaadaa isaanii kan kennaan jiraattonii magaala Maqalee wareen walaraansichaa irraa hafanii lubbuudhaan jiranuuf akka xiiyeeffanaan kennamuufi qabu sagalee Amerikaatti himanii jiru.
Sirna maatiiwwaan firoottan isaanii jalaa du’an boosisuu akka geggessu kan ibsee mootumaan naanichaa namoottan meeqaa akka du’an ifatti hin ibsene.
Walawaraansaa waggoottan lammaaf taasifamaa ture keessatti raayyaa ittisa mootummaa feederaalaa, akkasumas gareewwaan naannoo Amaaraa irraa hirmaatan keessaa namoonii meeqaa akka lubuu isaanii dhaban amma ammaatti wanti ifatti beekamee akka hin jirre kan ibsee gabaasni Mulugeetaa Atsibahaa bakkkaa bu’aan addaa gamtaa Afrikaatiif dursaan gumii waligaltee araaraa Pritooriyaa Olisegun Obasanjoo walwaraansicha keessatti namoottan kumaa 600 ol ta’an duun isaanii akka himanii turan gabaaseera.
Forum