Walwaraansi Sudaan keessatti adeemaa jiru yoo itti fufa ta’e lakkoofsii baqattootaa waan dabalaa deemuuf tasgabbii naanichaatiif akka bala qabu dhaabbata mootumoota gamtoomanitti jarmiyaan dhimma baqattootaa irratti hojjaatu UNHCR ibsee jira.
Yeroo ammaa lammiileen Sudaan jireenya isaanii irraa buqa’an miiliyoonii 5.4 gahuu isaa kan ibsan walakkeesa bahatti fi Kaaba Afrikaatti itti gaafatamaa waajjira UNHCR kan ta’an Ayimaan Gihaarabeh yeroo amma gargaarsi buqaatotaa fi taasifamuu jiraatus, walwaraansichii yemmuu dheerachaa deemu gareewwan gargaarsa taasisan waan dadhabaa deemanuuf rakkoon hamaan fulduraatti umamuu danda’a jedhaniiru.
Buqaatota kana keessaa namoonii Miiliyoonii 1.1 ta’an dubartoota , ijoollewaan fi maangudootaa akka ta’an kan ibsan qindeesaan dhimma baqattoota Sudaan Mammaduu Diyaan Baaldee akka ibsan gabaasameera.
Bahaa fi walakeesaa Afrikatti itti gaafatamaa UNHCR kan ta’an Adura’uuf Giinoon Koondee gama isaniitin akka ibsanitti yeroo amma biyyii olaa Sudaan Chaad buqaatota kum 400 fi 200 ji’a jahan darban keessaati kan simmatte yemuu ta’u, maallaqa dhaabbileen gargaarsa barbaadan Biiliyoonii tokko keessaa yeroo ammaa kan argamuu danda’e dhibeentaa 29 qofa.
Walwaraansichii haala amma jiruun itti fufa taanaan lammileen Sudaan biyyaa isaanii irraa buqa’anii biyyoottan ollaatti dheessaan duma bara kanatti miiliyoonii tokkoo fi qabxii Saddeeti akka gahuu danda’u UNHCR beeksisee jira.
Forum