Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falasxiinonni Gara Miliyoona Tokkoo Ta’an Gaazaa Kaabaa Keessaa Akka Ba’an Israa’el Ajajje 


Falasxiinota akeekkachiisa waraanni Israa’el kenne hordofuun meeshaa isaanii waliin magaalaa Gaazaa gadhiisaa jiran, Onkoloolessa 13, 2023.
Falasxiinota akeekkachiisa waraanni Israa’el kenne hordofuun meeshaa isaanii waliin magaalaa Gaazaa gadhiisaa jiran, Onkoloolessa 13, 2023.

Gara kutaa gama kibbaa marfamee jiruutti akka qajeelan waraanni Israa’el kan ajajee yoo ta’u Kunis ajaja kanaan dura hin baratamnee ture.

Kunis, gareen hidhattoota Hamaas weerara Israa’el irratti dhiyeenya kana raawwate sana dura, uummata bulchaa ture walakkaa ta’u ilaallata.

Tokkummaan Mootummootaa namoonni baay’een jumlaan baqachuun balaa akka ta’u akeekkachiiseera. Hamaas gama isaan kun tooftaa akka ta'etti ilaalee fudhatama dhabsisuun, namoonni mana isaanii keessa akka turaniif waamicha dhiyeesse.

Gareen Haamaas, haleellaan qilleensa irraa Israa’eel sa’aatiilee darban 24 keessatti raawwateen, namoota Israa’el fi biyya alaa kanneen booji’aman 13 ajjeesuu himee jira.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antoonii mootii Joordaan Abdullah waliin Ammaan keessatti wal argan yoo ta’u, Pirezidaantii Abbaa Taayitaa Falasxiin Mahmuud Abbaas waliin wal arguuf karoorfamee jira.

Gaazaa keessatti namoonni 340,000 qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru jedha Tokkummaan Mootummootaa.

Weerara Hamaas gaggeesseen namoonni 1,300 ajjeefaman jetti Israa’el. Gaazaan immoo, haleellaa haaloo bahuu Israa’el gaggeesiteen namoonni 1,500 ajjeefaman jedhee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG