Ministirri Ittisaa kan Ameerikaa Looyd Oostiin Israa’el keessatti MM Beenjaamin Netaaniyaahuu waliin wal arguun, waraana Israa’el bulchitoota hidhattoota Hamaas kan Gaazaa irratti geggeessituun Ameerikaan isaan waliin akka dhaabbattu itti himan.
Oostiin hoggantoota olaanoo waliin wal arguuf akkasumas meeshaalee waraanaa fi gargaarsa nageenyaa Amerikaan haleellaa Hamas booda saffisaan biyyattiif kennite tokko tokko ijaan arguuf Israa’el keessa jiru. Oostiin ministeera ittisaa Israa’el fi Kaabinee Waraanaa isaanii waliin gara sa’aatii lamaa dabarsan. Qondaaltonni ittisaa akka jedhanitti Oostiin deeggarsa Ameerikaan Israa’eliif qabdu cimsuu barbaadu.
Imala saffisaa Oostiin kan Jimaata darbe kun kan dhufe, Ministirri Dhimma Alaa Antony Blinken naannoo sana erga seenanii guyyaa tokko booda. Blinken waldhabdee naannoo babal’achuu hambisuuf jecha, hojii gama dippilomaasii ariifachiisaa itti fufanii jiru.
Forum