Daarektarri olaanaan kan jaarmayaa fayyaa addunyaa Dr.Teedroos Adnaahoom kamiisa kaleessaa har’a Liyoon keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, pirezidaantiin Masrii El-Sisiin dhiyeessii meeshalee wal’ansa fayyaa karaa Raafaa kan Gaazaatti qaxxaamuruun dabarsuun akka gargaartu gaafachuu isaanii ibsuun, “tajaajila yaalaa kennuudhaaf karaa ittiin dabran nu barbaachisa” jedhan.
Dhugumaan yaaddoon qaba. Warra lubbuu isaanii fi maatii isaanii gama Israa’elii fi Falasxiin irraa dhaban hundaaf garaan koo ni gadda. Yeroon kun yeroo baay’ee nama gaddisiisudha jedhan Dr Teedroos.
Garuu waldhabdee kana keessatti ammallee, warri deeggarsa barbaadan deeggaramuu qabu jedheen yaada. Warri eegumsa barbaadanis eegumsa argachuu qaba jedhan. Itti dabaluudhaanis, “Dhugumatti kaleessa reefuu Kaayiroo irraa dhufe, Pirezidaantii Masrii El-Sisiin wal argee meeshaalee yaalaa karaa qaxxaamuraa Gaazaa, Raafaan Falasxiinota Gaazaa keessa jiran gargaaruuf dabarsuu keessatti gargaaruu akka danda’u gaafadhe. Kan inni irratti walii galee ture” jedhan
Wanti ani gaafadhu, Tokko, Nagaa namoota eeguu lammaffaa, deeggarsa isaaniif kennuu akkasumas, tajaajila isaan gaafatan, kan tajaajiila yaalaa, nyaataa, dhiyeessii biroo haa ta’u, deeggarsa isaan barbaachisu isaaniif kennuun barbaachisaa ta’u dubbatan.
Forum