Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Naga-Eegdota Isaa Koongoo Keessaa 8 Daldala Sagaagalummaa Wajjiin Yakka Wal-Qabateen Hidhuu Isaa Beeksise 


FAAYILII - Eegdota Tokkummaa Mootummootaa fo waraana Koongoo, Koongoo, Onkoloolessa 22, 2014.
FAAYILII - Eegdota Tokkummaa Mootummootaa fo waraana Koongoo, Koongoo, Onkoloolessa 22, 2014.

Miseensonni garee humnoota nagaa eegsisan kan Tokkummaa Mootummootaa ta’an saddeet, kanneen Kongoo gama bahaa keessatti bobbaafaman, sababaa daldala sagaagalummaa waliin wal qabateen, angawoonni jaarmayichaa hojii isaanii akka dhaaban gochuu isaanii, Dubbi himaan Tokkummaa mootummootaa Stéfaan Dujarric Kamisa kaleessaa Niiw Yoork keessatti gaazexeessitootatti himanii jiran.

Jarreen kun haariiroo obbolummaa diina waliin horachuun, sa’aatii sochiin dhorkaa ta’e booda, mana Bunaa bakka saalqunnamtiin daldalaa itti raawwatamu dhaquun kan beekamee yoo ta’u, poolisiin waraanaa kan imala Tokkummaa Mootummootaa fi angawoonni amalaa fi naamusa isaanii hordoofan, gabaasa argatan kana mirkaneessuuf bakka sana daawwataniiru.

“Erga iddoo sanatti argamuu isaanii mirkaneessee fi miseensota garee kanaa ulaagaa naamusaa Tokkummaa Mootummootaa fi imaammata haariroo uumamuu hin qaban jedhu cabsuu isaanii ibsamee jira. “Hojjettoonni ergama tokkummaa Mootummootaa, miseensota garee kanaan miidhaa qaamaa irra ga’aa fi doorsifamaa turan.”

Dujarric itti dabaluudhaan, “ragaaleen ajajaa fi to’annoo qondaaltota waraanaa olaanoo, garee kana keessaa ta’aniin raawwachuu irratti, kufaatii guddaa agarsiisan ni jiru.”

Qondaalli Tokkummaa Mootummootaa kan waa’ee dhimmichaa dubbachuuf hayyama hin qabne, Asoosheetid Preesiitti akka himanitti, nagaa eegdonni saddeet kun, Afrikaa Kibbaa irraa kan dhufan yoo ta’u, bulchiinsa Kivuu Kaaba magaalaa Beenii keessatti Hidhamanii jiru. Kunis sa’atii uggura sochii booda, mana Bunaa hin ehamamneef keessatti namoota hojii sagaagalummaa irratti bobba’an waliin eega argamanii booda.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG