Muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu ennaa Isra’el weerara lafoof loltoota ishee daangaa Gaazaa irratti walitti qabee jirtu kanatti, Hamaasiin dhabamsiisuuf dhaadatan.
Ministriin dantaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken dhaaltuu gonfoo Saaudii Mohaammed bin Salmaanii fi prezidaantii Masrii Abdel Fattaa el-Siisii waliin erga mari’atanii booda Wixata har’aa gara Israa’elitti deebi’anii jiran. Yunaayitid Isteetis Masrii Israa’elii fi Tokkummaa mootummootaa waliin ta’uu dhaan gargaarsi Gaazaa seenee kanneen rakkatan akka dhaqqabu hojjechaa jirti jedhan.
Biliinken hoogganoota Baahireen, Masrii, Jordaan, Abbaa Taayitaa Faalisxiin Kataar, Saud Arabiyaa fi Tokkummaa Emireetota Arabaa waliin marii taasisaniin Israa’el lola Hamaas irratti geggeessitu keessatti deggersa Yunaayitid Isteetis akka qabdu mirkaneessaniiru.
Pirezidaantii Masrii Abdel Fattah el-Sissi waliin erga mari’atee booda Wiixata Kaayirootti kan dubbatan Blinken akkaataan Israa’el mirga ofirraa ittisuu fi ummata isheef eegumsa gochuuf itti fayyadamtu hunda caalaa barbaachisaa dha jedhan.
Biliinken akka jedhanitti, Israa'el mirga qabdi, dhugumatti haleellaa Hamaas irraa dhufu kana ofirraa ittisuuf akkasumas kun lammata akka hin taanee mirkaneeffachuuf waan dandeessu gochuuf dirqama qabdi. Akkuman Tel Aviv keessatti jedhe, akka Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden jedhan, akkaataan Israa'el kana itti gootu lubbuu namaa fi kabajaa dhala namaaf dudhaalee waliin qabnu mirkaneessuu dhaan namoota nagaa akka hin miine of eeggannoo barbaachisu hunda gochuu dhaani.
Sabaa himaan Masrii akka gabaasetti El-Sissi-n walgahii Bilinken waliin taasisaniin, duulli waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwatte mirga of-irraa ittisuu bira darbee gara adabbii walootti jijjiirame jedhan.
Ibsa ummataaf kenname cimaa kan hogganaan Arabaa tokko ennaa imala Blinken kennan ture.
Walgahiin Blinken hoggantoota naannoo waliin taasisan, wal-dhabdeen Israa’elii fi hidhattoota Hamas gidduu jiru gara walitti bu’iinsa hamaatti akka hin guddanne ittisuu, akkasumas booji’amtoota Israa’elii fi Ameerikaa Hamaasiin qabaman akka gad-dhiifaman gargaaruu irrattis kan fuuleffate ture.
Embaasiin Yunaayitid Isteetis kan Yerusaalem jiru lammiilee Ameerikaa karaa galaanaan Haifaa irraa gara Saayipiresitti erguu jalqabuuf jira.
Yunaayitid Isteetis lammiileen Ameerikaa 30 ajjeefaman,13 immoo hin argamin jiru.
Waraanni Israa’el namoonni butaman 199 gara Gaazaatti geeffamuu isaanii ibsuun lakkoofsa kanaan duraa ol kaastee jirti.
Yunaayitid Isteetis karaan qaxxamura daangaa Gaazaa fi Masrii gidduu jiru akka banamu ibsiteetti, garuu yeroon isaa ifa miti. Sababiin isaas ennaa Israa’el lammiiwwan Faalisxiin kutaa naanoo biyyattii kaabaa gad dhiisanii akka bahan himaa jirtutti, Tokkummaan Mootummootaa haala namoomaa hamaa Gaazaa keessatti mul’atu ilalchisuun akeekkachiisee jira.
Forum