Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa, murtee Raashiyaa wiixata kaleessa galgala hokkaraafi shororkeessummaa namoota nagaa irratti raawwatamu balaaleffate garuu, waa’ee Hamaas kan hin kaasne sana fudhatama dhabsisee jira.
Haleellaan tasa lammiilee Israa’el 1,300 ajjeese sun, erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda ajjeechaa Naaziin Juushoota irratti gaggeesse sana booda isa hamaa dha jedha golli naga eegumsaa.
Murtee kennuuf sagalee kennameen, Raashaa dabalatee biyyonni afur kan deggeran yoo ta’u .Amerikaa dabalatee biyyonni Afur sagalee mormii kennan. Biyyoonni jaha garu sagalee kennuu irraa of qusatanii jiru.
Qaamni Tokkummaa Mootummootaa humna guddaa qabu, kan nagaa fi nageenya addunyaa eeguuf itti gaafatamummaa qabu, haleellaa Hamas irrattis ta’e deebii Israa’el haleellaa qilleensaa Falasxiinota 2,750 ajjeesee fi ajaja lammiileen Gaazaa kaabaa gara kibbaatti akka qajeelan kennite irratti ejjennoo hin fudhanne. Manni marichaa murtee dorgomaa kan Biraazil irraa dhufe kan haleellaa Hamaas balaaleffatu irratti Wiixata halkan sagalee kennuu fi dhiisuu isaa ifa hin taane.
Wixineen murtoo Biraazil “dhaabbanni gargaarsa namoomaa” akka seenan kan gaafatu yoo ta’u, kana malees “hokkoraa fi diinummaan ilaalamuu namoota nagaa irratti raawwatamuu fi gocha shororkeessummaa hunda cimsee balaaleffata. Haleellaa shororkeessummaa hamaa Hamaas raawwate ittiin jedhees ifatti balaaleffata.
Forum