Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Walakkeessa Itiyoophiyaa, Aanaa Masqaan Keessatti Walitti-Bu'insaa Ka'een Namoonni Ajjeefaman 12 Gahan  


Bulchiinsa Itiyoophiyaa waaltaa, bulchiinsa aanaa Masqaan keessatti, saba Maqaan beeta Guraagee fi Masqaan giddutti walitti bu’iinsa uuameen, karaa warra Maaraqoo irraa lakkoobsii namoota du’anii 12 ga’u isaa, bulchaa aanaa kan ta’an Obbo Nigusee Makar RSAf beeksisanii jiru.

Gama warra Maaraqoon walitti bu’iinsa uumuu fi kakaasuun kanneen shakkaman namoonni 6 qabamuu isaanis ibsanii jiru.

Erga turban dabree as nagaan hangii tokko argamuu fi tasgaba’aa akka kan ibsan Obbo Niguseen, ta’uus garu amma iyyu yaaddoon kka jiru oomishalee qonnaa saamuu dabalatee yakkii hojjatamaa akka jiru ibsan.

Bulchiinsa aanaa Masqaan biraa deebii fi yaada argachuuf carraaqqiin ta’e hin milkoofne.

Garu jiraataan aanaa Masqaan kan akka maqaan isaanii hin ibsamne gaafatan tokko akka jedhanti, naannoo sanatti kan raayyaan ittisaa keessa jiran humnootiin waloo kan naga eegumsaa naannoo sana to’achuu isaan tasgabiin bu’u fi jeequumsii dhaabachuu dubbatan.

Yakka hojjatameef kanneen shakkaman namoonni 9 gama warra Masqaan irraa to’annaa jala oluu isaanis ibsanii jiru jechuun Yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG