Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dho’insa Jabaa Hospitaala Gaazaa Mudateen Namoonni Dhibbaan Lakkaa’aman Dhumuu fi Kanneen Keessaa Hagi Tokko Buqqaatota Tahuun Himame 


Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, Israa'el, Onkoloolessa 18, 2023.
Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, Israa'el, Onkoloolessa 18, 2023.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden, dho’iinsi hamaan hospitaala Gaazaa irratti raawwachuu isaatiin ennaa muddamni hammaatee jirutti har’a Israa’eliin seenanii jiran.

Taatee kun himannaa itti gaafatamummaa wal faallessuu fi mormii guutuu naannichaa kaasee jira.

Baayiden michuu Yunaayitid Isteetis kan yeroo dheeraa deggeruuf hoogganoota Israa’el waliin wal arguuf ennaa jiranitti, dho’iinsa dhaqqabe hordofee wal ga’ii ijoo hoogganoota Arabaa waliin Jordan keessatti geggeessamuuf ture hafee jira. Hidhattoonni Hamaas dho’iinsa hospitaala magaalaa Gaazaatti argamu Ahilii arab irratti raawwateef Israa’eliin himachuu dhaan, bifa hamminaa kan diina yakkamaa, faashistii fi mootummaa shorokeessaa kanaa kan irra deebi’ee mul’ise yakka duguuggaa sanyii ti jedhan.

Hamaas ibsa baaseen namoota dhibbaan laka’aman du’an irra hedduun maatiiwwan qe’ee ofii irraa buqqa’an, dhukkubsattoota wal’aansaaf dhufan, daa’immanii fi dubartoota jedhee jira. Angawoonni Faalisxiin namoonni 500tti hedaman du’aniiru jedhan.

Ministriin ittisaa Israa’el warra Jihaadaa Islaamummaa Faalisxiiniin rookkeettiin dhuka’e hospitaalicha irra bu’uu ibsee balleessaan kan isaa ta’uu haalee jira. Gareen finxaaleyyiis itti gaafatama hin fudhatin jira.

Dubbi himaan humnootii ittisaa Israa’el Riir Admiiral Daani’eel Hagaarii tuuta oduuf har’a ibsa kennaniin, haleellaa Israa’el samii irraan geggeessituun kan wal simu kan gamoo sana irra ga’e hin jiru jedhan. Hamaas lakkoobsa namoota du’anii ol kaasee himuu isaa illee qeeqaniiru.

Bayaiden dho’iinsa hospitaalicha irratti raawwatetti rifachuuf gadduu isaanii muummicha ministeeraa Benjamin Natanyaahuuf ibsanii, waan ani arge irraa kun garee ka biroon malee kan keessaniin miti jedhan. Hoogganaantichi Yunaayitid Isteetis Israa’el ofi irraa ittisuuf waan isee barbaachisu akka qabaattu mirkaneessuuf waadaa seenanii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG