Dho’iinsi hospitaala Gaazaa irra ga’e mormii kaasisee jira. Haleellaa sanaaf balaaleffannaa bal’aan Israa’el irratti yoo dhaga’amu, Israa’el immoo garee Jihaada Islaamummaa himatte. Kan Iraaniin deggeramu gareen Hezbollaan Lebaanen haleellaa sana balaaleffachuu dhaan “guyyaa dheekkamsaa” jechuun har’a ibsee jira.
Jordaan keessaa humnootiin nagaa eegsisan jamaa aarii dhaan guutamee naannoo Embasii Israa’elitti wal ga’e bittimsuuf gaazii imimmaansu biifaniinii jiran. Mormitoonni kun hangi tokko alaabaa Israa’el ennaa guban argamaniiru.
Ministriin eegumsa fayyaa Gaazaa yoo xiqqaate namoonni 500 du’aniiru jedhe. West Baank keessatti humnootiin Faalisxiin mormituuta kanneen prezidaant Mahaammud Abbaasiin mormuuf wal ga’an bittinneessuuf gaazii imimmaansu dhukaasan.
Muummichi barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Gutereesh har’a ibsa kennaniin, haleellaan garee finxaaleyyiin Israa’el irratti raawwate, adabbii waloo” Falasxiinota irratti raawwatamuuf sababa hin ta’u jedhanii, hatattamaan dhukaasi akka dhaabbatu gaafataniiru.
Waltajjii wal ga’ii dhimma dinagdee Chaayinaatti geggeessame irratti haasawa taasisaniin, Guteresh, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwatamee namoota 1,400 ol galaafate gocha shororkeessummaa ti jechuun balaaleffataniiru.
Hamaas seenaa Israa’el keessatti weerara hamaa ta’e ennaa raawwatetti, yoo xiqqaate namoota butamanii fudhataman 199 haalduree tokko malee akka gad dhiisu Gutereesh gaafataniiru.
Forum