Uummanni kumaan laka’amu kanneen magaalaa Allaamaaxaa falmisiisaa kan ta’e naannoo Raayyaa Allaamaaxaa, hiriira ba’uu dhaan mootummaan referendemii naannoon sun kan naannoo Tigraayii fi Amaaraa ta’uu isaa murteessu adeemsa heeraa akka saffisu gaafataniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti referendemiif daandii saaquuf jecha Hagayya bara 2023 bulchiinsi naannoo kan yeroo akka hundaa’u karoorfamee ture. Dubbi himaa bulchiinsa yeroo kan Tigraay Redaa’ee Halefoom Alaammaaxaan qaama murteessaa kan Tigraay ta’uu VOAf ibsaniiru.
Dubbi himaan mana maree federeeshinii Itiyoophiyaa obbo Agenyoo Teshaager torban darbe miseensota mana marichaaf ibsa kennaniin, haalli nageenyaa hanga fooyya’utti referendemii geggeessuun hin danda’amu jedhan. Miinistrii ittisaa Abraaham Belaayiin dabalatee, dhimmi naannolee falmisiisoo ta’anii murtii uummatan akkka murtaa’u dhiyeenya beeksisanii turan jechuu dhaan Mesfin Arage gabaaseera.
Forum