Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Eega Masrii Waliin Dubbtanii Booda Gargaarsi Namoomaa Jimaata Har'aa Akka Gaazaa Dhaqqamuu Malu Dubbata 


FAAYILII - Pireezidaantii Yuunaayitid Isteetsi, Joo Baayidan, Sadaasa 11, 2022.
FAAYILII - Pireezidaantii Yuunaayitid Isteetsi, Joo Baayidan, Sadaasa 11, 2022.

Roobii kaleessaa Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayidan Israa’elitti argamuun daawannaa taasisanii Hooggantoota Israa’eel waliin marii taasisaniin booda ibsa saba himaaleef kennaniin Israa’eel hedduu miidhamteetti, carraan isheen qabdus namoota Nagaa Gaazaa keessaa bakkatti baqatan hin qabneef furmaata taatis jedhan.

Baayideen itti dabaluunis angawoota Masirii waliin dubbachuun daangaan Rafaah kan gama Gaazaa akka banamu fi gamasiin Konkolaataan gargaarsaa namoomaa fe’an 20 akka seenan fi garee dhaabbata mootummoota gamtoomaniin akka hoogganamanis wali galleerra jedhanii garuu gargaarsa kana gareen Hamaas kan dhorku ykn ugguru yoo ta’e xumura isaati jechuun akeekkachiisaniiru. Baayideen itti dabaluunis Yuunaayitid Isteetsi Paalestiiniif gargaarsa maallaqa doolara miiliyoona 100 akka kennitus ifoomsaniiru.

Baayideen Ministira Muummee Israa’eel waliin marii dheeraa taasisuu himanii karoora isa Gaazaa qabachuun humnoota Hamaas achi keessaa qulqulleessuu jedhurratti biyoonni lamaan humna waraanaa akka fayyadaman himanii odeeffannoo dabalataa kennuurraa garuu of qusataniiru.

Baayiden Roobii kaleessaa gara Yuunaayitid Isteetsitti deebi’aniiru kamisa har’aa galgas dhimma Israa’eelii fi Hamaas irratti akkaumsa Dhimma weeerara Raashiyaan Yuukireen irratti taasifteettu ilaalchisuun uummataaf ibsa kennuuf karoora akka qaban bekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG