Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministaroonni Dhimma Keessoo Biyyoota Awuroopaa Waa'ee Lola Israa'elii fi Hamaas fi Shorokeessummaa Awurrooppaa Keessaa Irratti Marri'atan


FAAYILII - Poolisoota fundura jaarmayaa hawaasa Juushotaa eegan, Jarman, Onkoloolessa 18, 2023.
FAAYILII - Poolisoota fundura jaarmayaa hawaasa Juushotaa eegan, Jarman, Onkoloolessa 18, 2023.

Gamtaa Awurooppaatti Ministiroonni biyya keessaa dhiibbaa waraana Hamaasii fi Israa’eel irratti akkasumas sodaawwan nageenyaa gama shororkeessitootaan qaqqabaa jiru haleellaa Boombii mana sagadaa Berliin keessatti qaqqabee, ajjeechaa Beeljiyeemii fi Faraansaay keesstti namoota Finxaaleyyii Islaamummaan fudhatameerurratti marii taasisaniiru.

Hooggantoonni biyyoota 27 kan gamtaa Awurooppaa keessaa walitti dhufan haleellaan farra warra Semeetikii dabalaa dhufuu fi dargaggoonni toora Inteerneetii fayyadamuun ergaa yakkootaa ykn kan finxaaleeyyii karaa dhoksaa ta’een kan garaa jabeeyyii waliif daddabarsaa jiran yaaddoo guddaa ta’uu isaarraa kan ka’e namoonni arii’amuu malan saffisiisuun akka barbaachisu marii bal’aa taasisaaniiru.

Yaa’ii kanarratti kan argamteettuu Ministirri biyya keessaa Beeljiyeem Aneeliis Veerlindeen “ Ani sagaleen Awurooppaa cimaa ta’e akka kabajamun kadhadha. Akka

Beeljiyeemitti biyyoota sadaffaa waaliin marii’achuufillee aangoo ga’aa hin qabnu. Akka carraa ta’ee miidhamtoonni kan du’an naannoo keenyattidha namoota tapha kubbaa miillaa daawwataa gammadaa jiran irratti Wiixata darbe haleellaa fudhatamedhas jetteetti. Miseensota mootummaa biroo fi hooggantoota Awurooppaa waliin ta’uun karaa madaallii nagenyaa eeggateen waan dandeenyu hunda gochuun itti gaafatamummaa keenyas jetteetti.

Ministirri biyya keessaa Faransaay Jeeraald Darmaanin yaa’ii kanarratti kan argaman Imaammata godaantootaa irratti jijjiirama dabalataa fi saffisa akkasumas seerota keenya fooyyessuun nu barbaachisa jechun gaafataniiru.

Mariin ministiroonni biyya keessaa biyyoota miseensota gamtaa Awuroopaa sochii bilisaan socho’uu fi mirga walitti qabamuu miidhuu mala jedhameera. Keessumaa Xaaliyaanii fi Jarman daangaa isaaniirratti sakkata’insa haaraa jalqabaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG