Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraansa Hamaasii fi Isiraa'el Hordofee Gaazzexeessonni 17 Du'uu Jaarmayaan Mirga Gaazzexeessotaaf Falmu Beeksise  


Giiyiipsii Guleen daayireekteerri dhaabbata garee Gaazexeessitootaaf falmuu sagalee Ameerikaatti akka himanitti gaazexeessitoota du’an keessaa 13 lammiilee Paalestiin , Sadii kan Israa’eel fi tokko immoo Liibaaniiz akka ta’anidha. Akka carraa ta’ee gaazexeessitoonni ajjeefaman kunneen kanneen Gaazaa keessa jiranii fi Paleestinoota ta’anitti baay’atu.

Garuu gaazexeessitoota ta’uu beekanii ajeesanimoo osoo hin beekiin kan jedhu nuti hin beekne jechuun ibsite Jiipsiin. Garuummoo bakkoota waraanaa akkasiitti waraana gabaasuun miidhaan jiraachuu akka malu beekamaadhas jetteetti. Itti dabaluunis yeroo ammaa kanatti gaazexeessitoonni Sadii bakka buuteen isaanii hin beekamiin akka jiruu fi kanneen saddeet ta’animmoo mada’anii akka jiranis himteetti dubbii himtuun kun. Kunneen warra odeeffannoon isaanii nu qaqqabedha malee kanneen kaanis jiraachuu malus jetteetti Giiyiipsi.

Gaazexxeessitoonni namoota siivilii waan ta’aniif akkataa seera namoomaa Addunyaatti mirgi isaanii kabajamuu qaba. Sababaa lamummaa isaaniin ta’e jedhamanii rukkutamuu hin qabanis jechuun ergaa dabarsiteetti Jipsii Guleen daarikteerri koomunikeeshinii koree CPJ.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG