Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isirraa'el Gaazaa Gama Kaabaa Keessatti Haleellaa Xayyaaraa Itti Fufuu Ishee Beeksiste 


Suuraa gubaadhaa gadi kaafame gamoowwan magaala al-Zahiraa keessatti haleellaa Israa'eliin barbadahaan agarsiisu, Gaazaa, Onkoloolessa 20, 2023.
Suuraa gubaadhaa gadi kaafame gamoowwan magaala al-Zahiraa keessatti haleellaa Israa'eliin barbadahaan agarsiisu, Gaazaa, Onkoloolessa 20, 2023.

Lola Israa’eliif garee Hammas gidduutti taasifamaa jirun, Israa’el haleellaa Xiyyaaraa kaabaa Gaazaa irratti xiyyeeffata yemmuu itti fuftee jirtutti jimaata har’ aa ganama haarri hedduun samii irratti mulachaa akka turee gabaasamera.

Haleellaa kana ilaalchisee Umni ittisa Israa’el fuulaa midiyaa hawaasaa X ykn isa Tiwuuter jedhamee beekamu irratti ibsaa baaseen, Kamisaa kaleessaa halkan xiyyaaronni waraanaa bakkaawwan addda addaa gareen palastaayin Hamaas itti fayyadamu kan akkaa karaa lafa jalaa, bakkaa kuusaa meeshaa waraanaa, bakkaa hoggantoonni Hamaas itti argamu jedhaman dhibbaan lakkawaman irratti haleellaa akka raawwatan beeksisee jira.

Ministeerri Itisaa Israa’eel Yoo’an Gaalaant kamisaa kaleessaa ibsa kennaniin waraanni lafoo kuma dhibbatti lakkaawamuu gazaa weeraruudhaaf qophaa’ee akka eeggachaa jiru ibsaniiru.

Erga ministeerri ittisaa ergaa dabarsaanii boodaa muummichii ministeeraa Israa’el Beenjaamiin Netaniyaahuu loltootaa isaanii daangaa irraa jiranuu wajjin yemmuu maryatan kan agarsiiu suur-sagalee isaanii mulatee jira.

Karaa biraatiin, isaraa’el lammiiwwan ishee magaalaa gama kaabaa naannoo daangaa Libaanen irratti argamu Kiriyat Shmonaa keessaa jiraatan akka magaalicha gadi lakkisaanii bahan itti himtee jirti. Haanga’oonii mootummaa akka jedhanitti lammiileen biyyatti magaalicha keesaa bahan baasii mootummaatin akka hoteelaa keessa tursiifaman taasifama. Magaalichii haleellaa Rookeeti garee milishoota Palastaayin Libaanon keessa maandhefatanii jiraanuuf saaxilamaa akka ta’e ibsameera.

Haaluma walqabateen Prezidaantiin Yunaayitid Isteets erga Israa’elin daawwatani bahanii boodaa kan garaa israa’elitti imalan Muumichii ministeeraa Biriteen Riishii Sunaak , haanga’ootaa mootummaa Isiraa’elii fi mooti Sa’udii Arabiyaa Mohaamed Bin Saalmaan wajjin wal arganii booda jimaataa har’aa gara Masritti imalaniru.

Kun ittu kanna jiruu, konkolaa’attoonni gargaarsaa namoomaa fe’anii Masr irraa karaa Raafatiin garaa Gaazatti kaleessa imala jalqabanii turan akka yeroo tilmaamametti gahuu hindandeenyee beekameeraa. Sababnii isaas waan karaan caccabeef akka ta’ee ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG