Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Lammiwwan Ameerikaa Addunyaa Irra Bakkawwan Adda Addaa Jiran Akka Of Eeggatan Akeekkachiise


Walti bu’insii Israa’elii fi garee Hamaas giduutti taasifamaa jiruu yemmuu walakeessaa bahaa fi gamaa biratti muddama umaa jiru kanatti, ministirri dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets lammiilee Yunaayitid Isteet adduunyaa irraa jiranif akeekkachiisaa fi qajeelfama ofeegganoo baasee jira.

Dubbii himaan ministeera dhimmaa alaa Maatiiwu Miileer dhimma kan irratti ibsa kennaniin, haala nageenyaa lafa irraa jiru yeroo hunda madaalaa jiraachuu isaanii himanii, qajeelfamaa barbaachisaa ta’ee lammilee Amerikaatiif bakka jiranutti keenuu akka danda’an beeksesanii jiru.

Akka ibsii kun beeksisetti Roobii dheengaddaa Libaanoos keessaatti fuulee Embaasii Yunaayitid Istets Beeruuti ti argamuutti mormitoonni dhibbaan lakkawaman walti bu’anii poolisoonni jeekumsaa bittinnessan tarkaanfii fudhatanii jiru.

Mormiin kun Moorookoo dhaafi Baahireen keessatti akka taasifamee kan himan dubbii himaan ministeera dhimmaa alaa yunaayitid Isteets, bakkeewwaan adda addaa adduunyaatti hiriira ykn tarkaanfii jeequmsaa tasifamanin walqabatee haleellaan Shororkeessummaa lammilee fi dantaa Yunaayitid Isteets irratti raawwatamuu waan danda’uuf lammileen Yunaayitid Isteets biyyoottan alaa keessa jiran akka of eeggannoo dabalaataa taasisan gorsiinaa jedhaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG