Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Gaazzexeessituu Yunaayitid Isteeits Hidhuun Balaaleffatamaa Jira  


Gaazexeessituu Midiyaa Mootumaa Yunaayitid Isteentsin  deggeramuufi  'Radio Free Europ/ Radio Liberty' jedhuu hojjattu Alsuu Kurmasheve mana murtii Raashiyaatti yeroo dhihaattu.
Gaazexeessituu Midiyaa Mootumaa Yunaayitid Isteentsin  deggeramuufi  'Radio Free Europ/ Radio Liberty' jedhuu hojjattu Alsuu Kurmasheve mana murtii Raashiyaatti yeroo dhihaattu.

Seera tumtoonni mootummaa Yunaayitid Isteets fi dhaabbanni mootumoota gantoomaani mootummaan Raashaa gaazexesituu lammii Amerikaa hidhuu isaa qeeqanii jiru.

Ibsii dhaabbata mootumootaa fi hogganaa Senetii mootummaa Yunaayitid Isteets Chuk Shuumer irraa kaleessa bahe akka jedhetti, mootummaan Raashaa gaazexeessituu midiyaa mootumaa Yunaayitid Isteentsn deggeramuufi Radio Free Europ/ Radio Liberty jedhamee beekamuuf hojjattu Alsuu Kurmasheve, mootummaa Raashaatiin qabameeteti kan hidhamete.

Hoggantuun dhaabata midiyaa aduunyaa kan Yunaayitid Isteets Amandaa Beeneet, hidhamuu gaazexessituu kana ilaalchisee ibsa kennaniin, uumataa ishe birati jaalatamtuu ta’uu ishee himanii tarkaanfiin hidhaa ishe irratti raawwate waan haqa qabeessaa hin taaneef akka atattamaan gad lakkifamtu gaafataniiru.

Dhaabbanii mirgaa Gaazexessotaatif falmu, “Reporters without borders” ykn gabaastota daangaa hin qabne gochaa kan balaaleffachuudhaan ibsaa baasee jira.

Dhaabbata mootumoota gamtoomanitti waajjirri Mirga namoomaa hidhamuun Kurmasheva akka isaa yaaddese ibsee, gaazexessoonni hojii isaanii dhiibbaa fi dhorka malee akka hojjatan taasifamuu qabuu jedhee jira.

Gazexessituun lammummaa Amerikaa fi Raashaa qabdu Kurmashevaan Roobii dheendadaa kan hidhameete akka gaazexeessituu dhaabata biyyaa alaatti hojaachuuf galmaa’uu hin dandeenyee jedhamteeti.

Raashaan wagga lamaan duras gaazexessaa lammii Amerikaa kan dhaabbata midiyaa “Wall Street Journal” jedhamuuf gabaasu Evan Gershkovich himannaa basaasummaa irratti dhiheesuudhaan hidhuun ishee ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG