Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waang Yuu Ameerikaatti Imaluuf Jiran


Ministrii Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu
Ministrii Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu

Lolli Giddu-galeessa Bahaa keessaa yeroo how’aa jiru kanattti Ministarri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu gidduu kana Washington Diisii galuuf akka jiran gabaasamee jira.

Chaayinaan waraansi Isiraa’el keessatti geggeessamaa jiru babal’achuu irraa akka dhaabatu gochuu irratti Chaayinaan akka gargaartu Yunaayitid Isteetis gaafattee jirti.

Prezidaantiin Chaayinaa Chii Jinpiing dhimma Isiraa’elii fi Hamaas irratti calleensa torbanneen lamaaf agarsiisan cabsuudhaan yeroo dubbatan, “dhukaasni hatattamaan akka dhaabatuu” fi walitti-bu’insa sana maseensuuf “karaa baay’ee filatamaa dha” kan ittiin jedhan, “Mootummaa Falasxiin bilisa hundeessuu” biyyi isaanii akka deggertu hubachiisan.

Ejjennoon Beejiing kun, “Isiraa’el lammiwwan ishee irra-jireessi isaanii siiviloota tahan kuma tokkoo fi dhibba afur kan fixe haleellaa Hamaas of irraa ittisuudhaaf Isiraa’el mirga qabdi,” kanneen jedhan, aangawoota Isiraa’el baay’ee dheekkamsiisee jira.

Gama biraatiin mala furmaata mootummoota lama dhaabuu kan hin fudhannee fi jiraachuu Israa’el guutummaatti kan hin fudhanne Hamaasiif yaadni jarreen Chaayinaa kan hin hojjenne tahúu ibsuun aangawoonnii fi seneetaroonni Ameerikaa cimsanii qeeqaa jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG