Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsi Namoomaa Gaazaa seenuu Jalqabe


Karaa daangaa Rafaah qarqaarsi oggaa gara Gaazaa galu lammiiwwan Masrii gammachuu isaanii ibsan, Onkoloolessa 21, 2023.
Karaa daangaa Rafaah qarqaarsi oggaa gara Gaazaa galu lammiiwwan Masrii gammachuu isaanii ibsan, Onkoloolessa 21, 2023.

Konkolaataawwan Addeessa ykn Ji’a diimaa Bishaan , nyaataa fi qorichoota adda addaa fe’aniiran har’ a Gaazaa seenuu jalqabaniru. Konkolaattoonni 20 meeshaalee gargaarsa namoomaa fe’an Gaazaa marfama keessa jirtu seenuu kan jalqaban karaa biyya Masirii gama daangaa Rafaah jedhamee beekamuunidha.

Dhaabbanni Addeessa ykn ji’a diimaa Masirii fi dhaabbanni mootummoota gamtoomanii waliin ta’uun meeshaalee gargaarsa namoomaa kana Gaazaa seensisaniin booda dhaabbata Addeessa ykn ji’a diimaa Paaleestiiniitti akka kennan dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti hoogganaa dhimma gargaarsa namoomaa kan ta’an Maartiin Giriifzi himaniiru.

Meeshaalee gargaarsa namoomaa amma gara Gaazaatti ergam keessaa midhaan nyaataa Toonii Jahaatama ykn Kuntaala 600 konkolaatoota Sadiitti fe’aman erguu isaa Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksiisee , Konkolaatonni Nyaata Toonii 930 fe’an biroon daangaa Rafaah irra dhaabbatanii eeggachaa akka jiranis ibseera.

Konkolaatoota meeshaalee gargaarsa namoomaa fe’anii amma Gaazaa seenaniiran keessaa Konkolaatoonni Afur kanneen qorichoota yaala Ariifachiisaaf barbaachisan fe’atan akka ta’e dhaabbanni fayyaa Addunyaa beeksiiseera. Qorichoota amma Gaazaa seensifamaniin alattis Kuufamni ga’aan biyya Masiriitti taasifamuus dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ifoomseera.

Kaayirootti yaa’ii nageenyaarrati hirmaataa kan jiran hoogganaa ol aanaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antoonii Guteereezh Masiriin meeshaaleen gargaarsa namoomaa gara Gaazaatti akka seenaniif haala ijeessuu isheef galateeffatanii, kana boodas bal’inaanii fi karaa nageenyi isaa eegameen akka itti fufuu qabus dhaamaniiru.

Haalli Gaazaa keessaa ammas Yaaddessaarra jiraachuu kan ibsan Daayireektarri olaanaa Sagantaa nyaata Addunyaa Siindii Keeyiin ammayyuu gargaarsi bal’inaan galuu akka qabu hubachiisaniiru.

Meeshaaleen gargaarsa namoomaa gara Gaazaa akka seensifaman Roobii darbe Tel’aviivitti kan dubbatan Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayideen , hanga Masirii , Yuunaayitid Isteetsii fi Israa’eel walii galtee mijeessuu qabanitti lafarra harkifatee tures jedhameera.

Daangaan karaa Rafaah banamuu akka carraatti fayyadamuun Gaazaa keessaa lammiileen biyya biroo gara biyyoota ollaati ba’uuf kan yaalamu yoo ta’e daangaa biyyoota lamaanii irratti gaaga’ama biraa fiduu mala jechuun Imbaasiin Ameerikaa Israa’eel jiru akeekkachiiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG