Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’eel Sanbata xiqqaa ganama halleellaa qilleensaarraa haaraa Gaazaatti taasiftee


Sanbata xiqqaa ganama kana Israa’eel haleellaa qilleensarraa haaraa Gaazaarratti taasifteetti. Gareen Hamaasimmoo gama isaan dhukaasa Rookkeettii haaraa gara Israa’eel Kibbaatti darbateera. Lolli Hamaasi fi Israa’eel gidduu amma Torbaan sadaffaa isaatti seenaa kan jiru yommuu ta’u hanga ammaatti lubbuu namoota 5,000 galafaachutu gabaafamaatti jira. Garuu waraanichi amayyuu dhaabbachuu akka danda’uuf mallattoon agarsiisu hin mul’atu. Haalli gargaarsa namoomaa Gaazaa keessaa rakkoo keessa galee kan jiruu fi amma hulaan daangaa gama Raafaah tiin jiru akka banamu eeyyamamee gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti seenuu jalqabeera.
Humni waraanaa Israa’eel akka beeksiseetti dhukaasonni Rookkeettii hedduun Hamaasirraa gara Israa’eelitti dhukaafaaa akka jiraniifi garuu fashalsiifamaa akka jiranidha. Humna Waraanaa Israa’eelitti dubbii himaa kan ta’e Dani’eel Hagari akka ibsetti “ Rookkeettoonni garee Shoroorkeessitootaan dhuukafaman harka Shan kan ta’an achuma Gaazaa keessatti akka fashalan taasifameera. Kanneen 550 ta’animmoo kallattii isaanii kan hin eeggannee fi achuma Gaazaa keessatti deebi’anii namoota nagaa Gaazaa keessaarrtti dhuka’uun lammiilee isaanii kan fixanidha” jedhan. Itti dabaluunis humnoonni qilleensarraa Israa’eel gidduu galoota ajajaa humnoota Hamaas kan Gaazaa keessaa baay’ee irratti halkan Sanbata xiqqaa kanatti barii’utti tarkaanfii fudhachuu mirkaneessaniiru. Miidiyaaleen gama Paalestiiniin jiran akka gabaasaa jiranittimmoo halleellaan Israa’eel humna qilleensarraan Sanbata xiqqaa kana fudhatteen Kaabaa Gaazaatti manneen jireenyaa Ja’a rukkutamuun namoonni 19 ta’an immoo akka du’anidha.
Magaalaawwan Israa’el kanneen Gaazaatti dhiyoo jiran keessatti sagaleen yeroo ariifachiisaa dhuukaasni Rookkeettii dhufuu akeekkachiisan kan dhaga’aman ta’uyyuu dhukaasoonni Rokkeettii sun garuu miidhaa homaatuu hin dhaqqabsiifne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG