Yaa’ii qopheessummaa Masiriin magaalaa Kaayirootti taa’amuu jalqabeeru kanarratti hooggantoonni biyoota Joordaan, Arab Emmireetsi, Xaaliyaanii , Ispeenii fi hoogganaan Paaleestiin Mahaammud Abbaas argamaniiru.
Hooggaanaan dhaabbata mootummoota Gamtoomanii Atoniiyoo Guutereezh dhimma wal waraansa Hamaasii fi Israa’eel ilaalchisuun yaa’ii nageenyaa Kaayirootti taa’amuu jalqabeerratti kan argaman, waraanni Hamaasii fi Israa’eel gidduu waan suukkaneessaadha jedhanii gargaarsa namoomaaf jecha wal waraansichi dhaabbachuu qaba jechuun waamicha dhiyyeessaniiru. Gaazaa keessa namoonni paaleestiin miiliyoona 2.4 ta’an jiraatu kan jedhan Guutereezh kanneen walakkaa Miiliyoonaa ta’an qe’ee isaaniirraa buqqa’uu fi kanneen umaatamootaan lakka’amanis du’uu isaaniis himaniiru. Itti dabaluunis asitti kan wal argineef waa’ee naannoo boola qarqaraa fi gidiraa keessa jiruurratti marii’achuufis jedhan Guutereezh. Muffiin warra Paalestiin fudhatama qaba kan jedhan Guutereezh qabiyyeen isaanii waggoota 56 ‘f Israa’eeliin qabeera kan jedha Guutereezh, garuummoo taateen Hamaasiin Israa’eeliin shorookeesummaan fudhatame sababaa kamiinuu fudhatama hin qabus jedhan.
Pireezidaantiin Masirii Abdel Fattaah Alsiisii gama isaaniin waldhabdee Paaleestinotaa fi Israa’eel gidduu jiruuf furmaanni waaraan tokkichi “haqa” qofaadha jedhan. Paleestinoonni mirga isaanii ofiin murteeffachuu fi lafa isaanii irratti biyya bilisa taate ofii isaanii qabaachuu qabus jechuun dubbatan.
Pireezidaantiin Paaleestin Mahaammud Abbaas dubbii dubbataniin Israa’eel lafa qabattee jirtu gadhiistee akka baatu gaafatanii yeroo lammaffaaf Paleestiinoonni lafa isaaniirraa akka buqqa’aniif eeyyamamuu hin qabu jedhanii yeroo Israa’eel deebitee hundoofteetti Paaleestiinoonni Kuma 760 akka bittinnaa’an taasifameera ammas irra deebbiin kuni taasifamuu hin qabu jedhan. Yaa’imakanarrattis yeroo sadii irra deddeebbiin “ Eessayyuu hin deemnu” jechuun dubbatan Mohaammad Abbaas.
Forum