Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazixeessonni seeraan Ala Hidhamuu Manni Maree Sabaa Himaa Itiyoophiyaa Himate


Mana Maree Sabaa Himaa Itiyoophiyaa
Mana Maree Sabaa Himaa Itiyoophiyaa

Yeroo dhiyoo as waaltaalee sabaa himaa fi gaazixeessota hanga tokko irratti seeraan ala hidhanii tursiisuu fi maxxansaalee raabsamuuf qophaa’en hojiin ugguruu raawwatamuu isaa manni maree sabaa himaa Itiyoophiyaa wixata har’aa ibsa baaseen beeksisee jira. Ibsa sana ilaalchisuu dhaan VOAf ibsa ken kennan itti aanaa hoji raawwachiisaan mana marichaa obbo Taammiraat Haayiluu, gochi akkasii irratti raawwatameera kan ittiin jedhan sabaa himaalee lama sababaa kanaan hojiin isaanii guyyuu danqamuu tuqaniiru.

Seeraan ala humnootii nagaa eegisisaniin raawwatame gochi jedhan kun kan isa yaaddesse ta’uu kan tuqe ibsi mana marichaa, yeroo labsii muddamaa illee yoo ta’e, gaazxixeessotaa fi sabaa himaa ilaalchisee itti gaafatamummaan jiru seera kan hordofe ta’uu akka qabu yaadachiisaniiru jechuu dhaan Gerbemikaa’el G/Medin gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG