Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Gaazexeessoota Lama Yunaayitid Isteetsiin Waliitumsuun Hojjetan, Jechuun Hidhaan Adabde


Gaazexeessoota Lamaan Yunaayitid Isteetsiin Waliitumsuun Hojjetan, Jechuun IraaN Hidhaan Adabde
Gaazexeessoota Lamaan Yunaayitid Isteetsiin Waliitumsuun Hojjetan, Jechuun IraaN Hidhaan Adabde

Manni murtii Iraan gaazexeessitoota lama mootummaa Yunaaytid Isteetis tumsuu jedhee fi himannaa birootiin, hidhaa hanga waggaa torbaa itti murteesse jechuun gabaasnii Dilbata kaleessaa gamasii dhaga’amee ibsee jira.

Dubartoonni lamaan baatii Fuulbaana bara 2022 to’annaa poolisii jala osoo jiranii, du’a Mahsa Amini gabaasuu isaanii hordofuun, waggaa tokkoo oliif hidhaman.

Murtii kenname kana ilaalchisee guyyoota 20 keessatti ol’iyyannoo dhiyeessuun ni danda’ama.

Gaazexeessitoonni lamaan kunneen Niloufar Hamedi, kan oduu du’a Amini jalqaba gabaaste, aguuggi mataa ishee garmalee laafte uffachuu isheetiin akkasumas, Elaheh Mohammadi, kan waa’ee awwaalcha Amini barreessameef ture. Hidhaa waggaa torbaa fi jaha akka itti murtaa’e marsariitiin oduu qaamolee haqaa Mizan Dilbata kaleessaa gabaaseera.

Koreen Mirga Gaazexeessootaaf falmuu Niiw Yoorkitti argamu gaazexeessitoota lamaan kana irratti murtiin dabree balaaleffachuun hatattamaan akka hiikaman waamicha isaa irra deebi’ee ibseera.

Murtiin Gaazexeessoota lamaan irratti murtaa’e kan nama kofalchiisu yoo ta’u, bilisummaan yaada ofii ibsachuu akka hin jirree fi yaaliin abdii kutannaa mootummaan Iraan gaazexeessoota yakkamtoota gochuuf godhee akkasumas, ragaa cimaa ta’ee jedhan Sherif Mansour, qindeessaan sagantaa CPJ kan Giddugaleessaa bahaa fi Afrikaa kaabaa.

Manni Murtii Warraaqsa kan Tehraan, gaazexeessitoota kana mootummaa diinummaa qabu kan Ameerikaa waliin tumsuu, kunis faallaa nageenya biyyaa irratti hojjechuu fi olola sirnicha oofu jechuun himachuu isaa Meezan gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG